Seenaa Oromoota Raayyaa
Warri Kaaba Itoophiyaa keessatti dhimma seenaa barreessaa turan kan ijoo seenaa Oromoo balleessanii Oromoo abbaa biyyummaa dhowwuu yaalan malee kan dhimma dhugaarratti xiyyeeffatanii barreessan hinturre.
Seenaa Oromoo dabsuufi balleessuu bira darbee qomoo Oromoo tokko tokko fuudhanii gonkumaayyuu Oromoo akka hintaane fakkeessanii bakka biraatti geessuu yaalu.
Warri dabiinsa seenaa akkasiin rukutame keessaa Oromoon Yajjuufi Raayyaa isaan tokkodha. Oromoo Yajjuu ilaalichisee altokko fuudhanii ummata Seemiin taasisu, yeroo biraammoo Araboota godhu. Kun garuu, qorannoo gadi fageenyaa gochuu dhiisuurra kan ka’eedha.
Raayyaas akkasuma Oromoo ta’uusaanii haalanii seenaa hinjirre uumuuf barbaadu. Yookaan immoo garee saba kanarraa cite saba biraatti makame fudhatanii gara dudda duubatti deebisuun ka’umsa sanyii Oromoo kanaa gochuu yaalu.
Qoratoonii seenaa Rayyaa qorannoo tokko tokko keessatti Oromoon Raayyaa akka Abbaa Oromoo ta’anittis kan kaa’an jiru. Warri kaan immoo Raayyaan Abbaa Oromoo Maccaati kan jedhanis jiru.
Kanas ta’ee sana qorannoo hayyoota Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaatiin gaggeeffameen Yajjuufi Raayyaan garee Oromoo Baareentummaa ta’uu ibsu.
Oromoon Raayyaa jedhaman Oromoo damee baareentummaa ta’anii hundeen isaanii Marawwaadha. Manguddoonni naannichaayyuu Marawwicha jedhu. Marawwiichimmoo kaaba Itiyoophiyaatii qabee hanga Sudaaniifi Eritiraa Baareentuufi Marawweetti kan qubatan hundee Oromoo guddaadha.
Oromoon Raayyaa hortee biraas niqaba.
Isaanis Oromoo Arsii keessatti argaman Raayituu wajjiniis walitti dhufan. Yaa ta’uutii seera Gadaafi muudaaf gara Odaa Roobaafi Madda Walaabuutti waan deddeebi’aa turaniif hundeen keenya “Awaash Gamaa” dhufne jedhu. Kana jechuun akkuma Maccaafi Tuulamii jedhu “Uumeen Walaabuu baate” sana seerrifi heerri Oromoo Walaabuutti tumamtee jechuufi malee sochiin Oromoo gara kibbaatii kaabatti socho’e jechuu miti.
Kunis rakkoo qorattoota seenaa Oromoo isa guddaa yoo ta’u barreessitoonnis ta’e maanguddonnis aadaa sochii Oromoo waan hinbeekneef sochii kana akka hir’ina guddaatti hinilaallee (Alamaayyoo H. seenaa Oromoo hanga jaarraa 16fa 2006).
Maddi Walaabuu haaromsa Gadaa bara 1451 booda iddoo heerriifi seerir Gadaa walsimachuun bifa haaraan itti lallabameedha.
Qorannoo Raayyaa keessatti bara 1989 gaggeessineen Oromoon Raayyaa gosa gurguddoo 15 (kudha shan) qabu keessa tokkoo Doobbaadha.
Raayyaa gara kibbaa biratti Doobbaaniifi Oflaan Oromoo cittuu jedhamu. Kunis kan gosarraa citan ykn foxxoqan jechuudha. Gosa Doobbaafi Ooflaan malee Oromoon gara kaaba jiraatan Baareentuu, Argiiggoo Indartaafi Waajiraati keessallee ni jiraatu.
Akka barreessitoonni tokko tokko jedhanitti Doobbaas ta’e Waajiraat akkasumas Daami’at, isaantu gadifageenyaan hinqoratiin malee Oromootuma durii kaasee achii jiraataniidha.
Oromoon naannoo Tigraayiifi Ertiriyaa keessa jiraatan dhawaataan amantii kiristaanaafi isilaamaatti makamaa waan deemaniif eenyummaasaanii hirrafataa jiru. Haa ta’uutii garuu meeshaale duudhaa Oromoo mul’isan kan akka kallachaa hanga dhuma jaarraa 18ffatti akka itti gargaaramaa turan hubatama.
Haata’uutii, akka Alamuu Kasasaafi Siisaay Mangisteen barreessanitti Raayyaan dur akka ummata biraa (Doobbaa, Daa’imatiifi Qaggaa Angoot) tureefi booda Oromoon isaan liqimsuufi moggaasuun Raayyaatti isaan moggaasee nutti himu barbaadan. Raayyaan garuu akkuma gosa Oromoo kamiyyu ummatoota biraa moggaasuu ni danda’a. Yaa ta’uutii gosoonni Doobbaafi Daa’imat ykn Daamoot maqaaniis ta’e gosaan Oromoo akka ta’an beekuun dhimma Oromoorratti gadifageenyaan hojjachuutu barbaachisadha.
Kun martii hubannaafi baruumsi seenaa biyya keenya yaraa waan ta’eef loogiin seenarratti hojjatamaa ture cimaa waan turreef hir’inni kun waan mul’ate guutamu kan qabu fakkaata.
❗️ Barreeffamni kun Kan Obbo Alamaayyoo Haayileeti.
Obbo Alamaayyoo Haayilee: Hayyuu Seenaati. Seenaa Oromoo irratti kitaabota barreessaniru. Hayyuun seenaa kun yeroo ammaa Gidduugala Aadaa Oromootti qorataa seenaatis.