Wednesday, December 2, 2020

Tajaajilli Teeleekoomii Allaamaaxaatti guutumatti yoo eegalu iddoolee biroottis walakkeessan hojii eegale

Tajaajilli Teeleekoomii Allaamaaxaatti guutumatti yoo eegalu iddoolee biroottis walakkeessan hojii eegale!





Tajaajjilli Teeleekoomii Allaamaaxaatti guutumatti yoo eegalu iddoolee biroottis walakkeessan hojii akka eegale Iityoo – Teeleekoomi beeksise.





Daanshaa, Tarkaan, Humaraa, Shiraaroo, Maaytsabrii fi Maaykaadiraatti walakkeessaan hojii eegaluu dhaabbatichi beeksiseera.





Iityoo Teeleekoom miidhaa bu’uuraalee misoomarra qaqqabe suphuun hojii deebisanii ijaaruu fi filannoo dhiyeessii humnaa argametti fayyadamuun tajaajila eegaluu isaa ifoomseera.





Naannichatti hundatti tajaajila Teeleekoomii eegalchiisuuf bu’uuraalee miidhaman deebisee misoomsaa jiraachuu ibseera.





Dhiyeessii humnaa idilee argachuuf Humna Elektirikaa Ityoophiyaa waliin hojjetamaa jiraachuu beeksiseeran.





Filannoo humnaa argametti fayyadamuun naannicha hunda keessatti tajaajila Teeleekoomii yeroo gabaabaa keessatti eegalchiisuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu Iityoo – Teeleekoom beeksiseera.





#FM

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...