Tuesday, December 1, 2020

Naannoo Tigraayitti qabeenyi Juuntaa TPLF'n saamame deebi’e akka bakka bu’uufi ummanni tajaajila barbaachisu akka argatuuf kan hojjatamuu ta’uu Hojii rawwachisaa olaanaan bulchinsa yeroo naannichaa Dr.Muluu Naggaa beeksisan.

Naannoo Tigraayitti qabeenyi Juuntaa TPLF'n saamame deebi’e akka bakka bu’uufi ummanni tajaajila barbaachisu akka argatuuf kan hojjatamuu ta’uu Hojii rawwachisaa olaanaan bulchinsa yeroo naannichaa Dr.Muluu Naggaa beeksisan.






Hojii rawwachisaa olaanaan bulchinsa yeroo naannichaa marii jiraattoota magaalaa Shiree Indaasillaasee waliin taa'aniin bulchinsi ummanni itti amane hundaa'eera jedhan.






Haluma kanan Kaantibaa dabalatee miseensonni mana maree filatamuu beeksisaniiru.
Gandoota magaalatti shanan keessatti miseensonni waltajjii gorsitoota ummataa filatamuus eeraniiru.
Manni maree aanaa fi gandaa garuu gara hojii idileetti akka deebi’aniif Dr.Muluun waamicha dhiyyeessaniiru.
Manneen marii hoggantoota sadarkaa aanaafi gandaatti ummata bulchan akka filatan hubachisaniiru.
Baajata aanichaa fayyadamuun qabeenyi mootummaafi ummataa saamame akka bakka bu’u dubbataniiru.






Dr. Muluun Jiraattonni magaalichaa bulchinsa yeroo cinaa hiriiruun tasgabbii magaalattiif akka hojjataniif waamicha dhiyyeessaniiru.
Jiraattoonni marii kanaratti hirmaatanis bulchinsa yeroo waliin ta’uun nageenya magaalichaa eeguufi dhaabbileen mootummaa tajaajila akka jalqabaniif gaheesanii bahuuf qophii ta'uu himaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaarra odeeffanne.






https://www.facebook.com/OBNAfaanoromo/posts/4016754078336729

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...