Saturday, August 13, 2022

Kitaabni mataduree "#Anaafi_Nuhi" jedhuun Doktar Taaddasaa Qana'aan barreeffame Yunivarsitii Ambootti eebbifame

Kitaabni mataduree "#Anaafi_Nuhi" jedhuun Doktar Taaddasaa Qana'aan barreeffame Yunivarsitii Ambootti eebbifame













Sirna kitaaba 'Anaafi Nuhii' ifoomsuu kanarratti hayyoonni, barreessitoonni kitaabilee, artistoonni bebbeekkamoofi keessummoonni gara garaa fagoofi dhiyoorraa argamaniiru.





Pirezidaantiin Yunivarsitii Amboo Doktar Baay'isaa Lataa sagantaa eebbaa kanarratti keessummootaan baga nagaan dhuftan jechuun Doktar Taaddasaadhaan ilma dabalataa abbaa 'Anaafi Nuhii' ta'uu keef baga gammadde jedhan.





Kitaaba barreessuun bu'aa bahii hedduu keessa darbee dadhabbii kan nama gaafatu waan ta'eef Doktar Taaddasaan abdii haarawaa argamsiisuuf ifaajee guddaa keessa darbee kitaaba kana nuuf gumaacheera, kanas dubbisuun gahee ummata keenyaati jedhan.





Barreessaan kitaaba 'Anaafi Nuhii' Doktar Taaddasaa Qana'aa (pirezidaantiin duraanii Yunivarsitii Amboo) yaada kennanin namni lubbuun jiru yeroo lubbuun jirutti hundi keenya waan gaarii dalaguu qaba jedha.





Fuuldurri keenya karaa dheeraadha. Galmi dhugaa salphaa miti. Dhugaan ilmoo Waaqi. Dhugaan beekumsa keessa jira. Kanaafis dubbisuu itti cichuu gaafata jedhan.





Nuhi keessa anatu jira; Ana keessa nuhitu jira; Waan taane hunda walumaan taane, waan argannes waan dhabnes walumaani, kanaaf waliin dhaabbachuutu falas jedhan.





Kaleessa maal keessa akka turre, har'a maal keessa akka jirrufi fuuldura keenyatti waan gaarii akeekuuf kitaabni muuxannoofi mudannoo gabbate kun ummata Oromoof bu'aa guddaa qaba jedheen barresse jedhan Doktar Taaddasaan.





WKShL

1 comment:

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...