Tuesday, December 1, 2020

Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo ''Shaneen nyaapha Booranaati'' jechuun labsan - BBC

Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo ''Shaneen nyaapha Booranaati'' jechuun labsan





Abbaan Gadaa Booraanaa amma ballii harkaa qaban Kuraa Jaarsoo qaamni maqaa ''Waraana Bilisummaa Oromoo'' jedhee of waamuufi mootummaan ''ABO-Shanee'' jedhuun ''nyaapha (diina) Booranaati'' jedhanii labsuu BBC'tti himan.





''Qaamni uummata isaaf qabsaa'a jedhu deebi'ee ummata isaa ajjeesuu hin qabu, ijoolleen tuni Boorana ajjeesuu jirtii'' jedhan Abbaa Gadaa Kuraa Jaarsoo.





Gareen kuni ajjeechaa, dararaa, saamichaafi yakkoota gara garaan poolisiifi qaamota nageenyaan akkasumas jiraattotaan himatama. Ifatti garuu hoggantoonni garee kanaa himannaa kana haalu.





Labsii kana labsuufis kan isaan dirqe 'miidhama ummatarra gahudha' jedhan Abbaan Gadaa Booranaa.





Waggaa lama dura bara 2018'tti Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangoo qabachuu hordofee dirree siyaasaa bal'isuuf jecha dhaabbileen siyaasaa qabsoo hidhannoo gaggeessan dabalatee karaa nagaa qabsaa'uuf biyyatti deebi'an keessaa ABO'n tokko.





Miseensonni kutaa waraanaa ABO, WBO adeemsa araaraa mootummaan hin gammanne hammi tokko bosonatti yoo hafan gar tokkommoo karaa nagaatti deebi'ani turan.





Kanaanis, kanneen bosonatti hafan bakkeewwan gama Lixaafi Kibba biyyattii humnoota nageenyaa mootummaa waliin walitti bu'uun balaan dhaqqabaa ture. Kana gidduuttis jiraattonni miidhamaniiru.





Torban durallee humnoonni nageenyaa Itoophiyaa daangaa Keeniyaatti ce'un kanneen hidhattoota kanaaf dahoo kennitu jedhan yoo xiqqaate 10 to'achuu jiraattonni BBC'tti himaniiru.





ABO'n duratti ammaan achi waraana bosonaati hin qabu jedhee labsuus mootummaan ammallee waliin dalagaa jiru jechuun himata, dhaabichi himannaa kana hin fudhatu.





Bakkeewwan hidhattoonni dur ABO jala turaniifi yeroo ammaa addatti socho'u dubbatan keessaa tokko Godina Booranaa, fi Kaaba Keeniyaati.





Bakkeewwan kanneen Abbaa Gadaa ta'un kan tajaajilan Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo gareen kuni kayyoorraa maqeera, Boorana ajjeesuu jirtii jedhan.





Qaroo Booranni qabu, jaarsaa jaartii, miidhaa jiruu kan jedhan Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo''dhiyoo kana aanaa Areeroo ganda reeddii keessatti daa'ima ganna 12 horii tiksu ijjeeftee fanniftee mukatti'' jedhan.





''Eega isiin sadarkaa kana qaqqabdee nyaapha keessanii ofirraa dhuwwaa jennee'' jedhu.





''Shaneen nyaapha'' jechuun irratti labsame kami?





Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo Shanee jedhamee qaamni irratti labsiin kun labsame kan dur ABO jedhamee beekamudha jedhan.





''Qaamni gurmaayee amma jiru kun garuu bifa ABO duraaniillee hin qabu. ABO'n duraa sun warra gaafa wayyaaneen lafa kana qabatte mirga ummata Oromoof falmuuf ala baye'' jedhan.





MM Abiy Ahimad erga aangoo qabatanii ABO akka galu ta'us qaamni gariin waraana kana osoo hin galiin hafuun ''qabsoo kalee baateef lakkiiftee qaamni isiin haatu uummata ta'ee'' jedhu.





Qaamni kun TPLF waliin kan hojjetuufi Oromoon walittii garagalee tokko ta'ee akka hin deemne warra ilaalchi isaanii durii jijjiirameedhaa jechuunis ibsan Abbaan Gadaa Booranaa.





Abbootiin Gadaa fi jaarroliin biyyaa qaama kana galchuuf irra deddeebiin yaaluus ibsanii, ''waan jarri as jiruuf hin beeknu'' jedhan.





Qamni amma diina (nyaapha) jechuun Abbaan Gadaa Booranaa Kuraa Jaarsoo labsan, ''Shanee'' kun uummata Booranaa irratti miidhaa guddoo geessise jedhu.





''Boorana keessa yoo yaatu horii kumaan qalattee nyaatti, niitii Booranaa dhirsa biraa baaftee bir rafti, durba Booranaa durba Gaammee aadaan hin hayyamne gudeeddi, nama karaatti qabdee ajjeefti, nama beekamaa maqaa qabu jaarsa biyyaa mara ajjeefti'' jechuun badii qaama kanaan raawwate jedhan sababeeffachuun nyaapha ta'uu labsuullee himan.





Hoggantoonni garee kanaa bosonatti hafan himannaa akkanaa irra deddeebbin irratti ka'u garuu ni balaaleeffatu.





Labsii kanaaf sababni maali?





Abbaan Gadaa bara baallii harkaa qaban labsiin dhimmoota gurguddoo hawaasaarratti labsan uummata saniin safeeffatamee hojiirra oola.





Labsiin amma isin lallabdan kun dhiibbaa mootummaa of keessaa qabaa jechuun gaaffii BBC irraa dhiyaateef deebii Abbaan Gadaa Kuraa deebisan ''miidhama uummatarra gahutu labsii kanaaf sababa ta'e'' jedhan.





Kanaan dura qaamoleen hidhatan kun kan lolan qaama nageenyaa mootummaa akka caasaa mootummaa, poolisii Federaalaafi raayyaa ittisa biyyaa ta'uu himanii, ''amma garagaltee uummata Booranaarratti diina taate'' jedhan.





Labsiin ''Shaneen nyaapha Booranaati'' jedhamee labsamees sababa ummata midhaa jiruufi jedhan. Labsii kanaan walqabatee uummatni qaama kana aardaa maratti ofirraa loluutti jiras jedhaniiru.






https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-55152513?at_medium=custom7&at_campaign=64&at_custom3=BBC+News+Afaan+Oromoo&at_custom2=facebook_page&at_custom4=1889D1BA-345B-11EB-80F9-B6D839982C1E&at_custom1=%5Bpost+type%5D&fbclid=IwAR10VnvI0KsiUE7Gyl8GoOm2Jz068S4MBuD2d3XIvDr_79OXE5F2pLJ9ruI

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...