Tuesday, December 1, 2020

Yunivarsitii Koolleejiin Poolisii Oromiyaa Miseensota Eegumsa VIP Leenjii humna comisannaa fudhachaa turan har'a eebbisiise

Yunivarsitii Koolleejiin Poolisii Oromiyaa Miseensota Eegumsa VIP Leenjii humna comisannaa fudhachaa turan har'a eebbisiise.






Poolisii Humna Addaa Oromiyaatti Miseensonni Eegumsa VIP Leenjii addaa Yuniivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaa wiirtuu Leenjii Bulbulaattii leenjii isaanii hordofaa turan guyyaa har'aa bakka Daayireektarri Ol-aanaa Yunivarsiitii Koolleejichaa G.Komishinar Kaadhimamaa Dr. Geetachoo Ittaanaa fi Daayireektarri Daayireektorootii Dhimmoota Kominikeeshinii fi Miidiyaa Komishinii Poolisii Oromiyaa G.Komishinaraa Mulaatuu Hordofaa argamanitti Haala Nama gammachiisuun ebbifamanii jiru.






Daayireektarri Daayireetooreetii Dhimmoota Kominiikeeshiniif Miidiyaa Komishinii Poolisii Oromiyaa G.Komishinaraa Mulaatuu Hordofaa ergaa baga gammaddanii ebbifamtootaaf yeroo dabarsanitti akka jedhanitti dirqama addaa hoggantoota ol-aanoo eeguudhaaf isinitti kennamu akka baatanii fi ABO shanee Uummata Oromoo dararaa jiru kana barbadeessuudhaaf hojii Poolisiin Oromiyaa Hojjechaa jiruf humna cimaa akka taatan abdii guddaa qabaachuu kiyya ibsaa ABO shanee Uummata keenya ajjechaa suukkaneessaa fi dararaa hamaa irraan gahaa jiru akkuma Juntaa wayyaanee awwaallee biraa deebinettii yeroo dhihooo keessatti Oromiyaa keessaa dhabamsiisuuf hojjechaa misooma biyyi keenya eegalte kana galmaan gahuudhaaf dirqama gama Eegumsa VIPtiin isintti kennamu bifa leenjitaniin akka hojii irra olchitan dhamsakoon dabrsa jedhan.






G.Komishinar Kaadhimamaa Dr. Geetachoo Ittaanaa Wayita Qajeelfama hojii dabarsanitti akka jedhanitti Eebba guyyaa har'aa kan adda isa godhu yeroo Juntaan Wayyanee du'ee awwalametti tu'uu isaati. Isin ebbifamtonni Eegumsa VIP (Hanga'oota Mootummaa Ol-aan ) fi Maatii isaaniitiif da'oo fi gaachana taatanii egumsa barbaaachisaa ta'e taasisuudhaan jijjiirama biyyi keenya eegalte fixaan baasuudhaaf akka tumsitan jechaa dirqam addaa isinitti kennamuu danda'uufis kallattii hundaan akka of-qopheesitan jechudhaan gara hojiitti nagaan akka bobbaa'an qajeelfama hojii kennanii jiru.






Yunivarsiitii Koollejii Poolisii Oromiyaatti Hogganaan Addeemsa Barumsaa fi Leenjii Wiirtuu Leenjii Awwaash Bishoollee Komaandar Ashanafii Tashoomee gabaasa leenjii wayita dhiheessanitti Humna Juntaa wayyaanee balaleffachuudhaan humni kunisi Juntaan biyya saamee hin quufne awwaalamee jira ammas kallatti maraan Rayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruuf akka of-qopheessuu fi ABO shanee barbadeessuudhaaf miira cimaadhaan akka hojjetu cimisanii huubachiisanii jiru.





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...