Wednesday, December 2, 2020

Maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti banatanii fi naannichaa ala jiran bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamame

Maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti banatanii fi naannichaa ala jiran bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamame!






Maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti argamanitti banatanii fi naannichaa ala jiralan bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamamuu Baankiin Biyyaalessaa beeksise.






Qaamolee yakkaan shakkamuun Abbaa Alangaa Waliigalaan lakkoofsi herreega baankii isaanii akka hin sochoone ittifamaniin ala maamiltoonni lakkoofsa Herreegaa Baankoota naannoo Tigraayitti banatanii fi naannichaa ala jiran Sadaasa 23, 2013 irraa eegalee bakka jiranitti sochoosuu akka danda’an eeyyamamuu ibsameera.
Naannichaatti iddoolee haalli nageenyaa amansiisaa ta’etti Baankoonni hojii akka eegalan hojjechaa jiraachuu Baankiin Biyyaaleessa Ityoophiyaa beeksiseera.
Naannolee haalli nageenyaa amansiisaa hin taanetti ammoo Baankonni cufaman kan turan ta’uu ibseera.





National Bank of Ethiopia Logo

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...