Wednesday, December 2, 2020

Rakkoo nageenyaa Sudaan Kibbaatti muudataa tureef gareen gantuu TPLF harka keessaa akka qabu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Kibba Ambaasaaddar Jeems Pittaa Morgaan himan.

Rakkoo nageenyaa Sudaan Kibbaatti muudataa tureef gareen gantuu TPLF harka keessaa akka qabu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Sudaan Kibba Ambaasaaddar Jeems Pittaa Morgaan himan.





Adeemsa marii nageenya Sudaan Kibbaa akka hin milkoofneef gareen junta TPLF hojii diiguumsaa hojjechaa akka ture himaniru.
Kanaafis nageenyi waaraa Sudaan Kibaatti kan hin buune gareen gantuu TPLF harka keessaa akka qabu ambaasaaddarichi himaniiru.





Ambaasaaddar Jeems Pittaa Morgaan, Dhaabbata Pireesii Itioophiyaatti akka himanitti waliigaltee marii nageenyaa Sudaan Kibbaa hoggantoota olaanoo TPLFn bu’aa waliigalteerra gahuu dhabuu himaniiru.





Adeemsa Marii Nageenyaa Sudaan Kibbaa miseensa garee gantuu TPLF kan ta’an obbo Siyyuum Masfiin marichi bifa jaarsummaan yoo taasifameyyuu garee paartii mormituu kaaniin waliigalteerra akka hin geenye ambaassaaddarichi himaniiru.





Dhimma nageenyaa Sudaan Kibbaa kanas yeroo baay’ee akka hin milkoofnee gareen Juntaa TPLF harka keessa qabaachuusaa ilaalchise Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad, Mana Marii Bakka Bu’ootaa Uummataaf dhiheessan dhugaa tahuusaa fi itti gammaduusaanii Obbo Jeems Pittaa himaniru.





OBN

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...