Thursday, December 3, 2020

Halkan buufatni waraanaa ajaja Kaabaa 'haleelame' loltoonni to'atamanii turan maal argan? - BBC

Halkan buufatni waraanaa ajaja Kaabaa 'haleelame' loltoonni to'atamanii turan maal argan?





Loltoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa ajaja Kaabaa keessaa lama, haleellaa ji'a tokkoon dura raawwateefi taateewwan achi booda turan turtii BBC waliin godhaniin himu.





Mootummaan federaalaa Itoophiyaa TPLF waliin gara torbee sadii wal waaraanuun, amma magaalaa Maqalee dabalatee irra jireessa naannichaa to'annoo isaa jala oolchuu himeera.





Kan magaalaa Maqaleetti gaggeeffames oppireeshinii seera kabachiisuu isa dhumaati jedhame. Sadaasa 3 bara 2020 halkan humni poolisii addaa naannoo Tigiraay buufata waraanaa Kaabaa jiru haleele jedhame.





Kanumaan MM Abiy Ahimad humni waraanaa biyyatti humnoota TPLF kanneen irratti tarkaanfii fudhachuu akka jalqaban ajaja kennan.





Qunnamtiin naannicha keessaa adda citee ture. Waraanni qilleensarraa fi lafa irras gaggeeffamaa ture. Lubbuun namoota baay'ee erga waraanichi eegalee darbuun, kumaatamnis qe'ee irraa buqqa'aniiru.





Guyyaa humni TPLF'f amanamu buufata waraanaa ajaja Kaabaa rukute jedhame maaltu uumamee ture?





Loltoota buufata ajaja Kaabaa keessa turaniifi amma lubbuun oolanii achii bahan keessaa BBC'n namoota lama dubbiseera.





Ibiraahim Hasan jedhama. Dhalatee kan guddate Oromiyaa godina Harargee Lixaa tahuu BBCtti himeera.





Erga waraana kanatti makamee waggaa saddet gahuu kan himu Ibiraahim, guyyaa haleellichi jalqabee waan keessa dabran akkasiin BBCtti hime.





Angawootni ABUT dafanii harka akka kennan MM Abiy Ahimad dhaaman
Qondaaltonni TPLF fi humnoonni addaa Maqaleerraa baqatan eessa jiru?
Sadaasa 3 bara 2020 halkan….
''Homaa quba hin qabnu ture. Ittis hin qophoofne. Ani halkan sa'a 4:00 - 6:00 gidduu eegumsa irra tureen deebi'e. Kana gidduutti halkan keessaa sa'a 5:30 yeroo tahu nurratti dhukaasuu jalqaban.





Kana gidduutti qabsaa'onni durii uummata Tigiraay mooraa keenya galuun harka kennadhaa, meeshaa hin dhukaasiinaa nu jedhan. Kana booda booji'amtaniittu nu jedhan.''





Ibiraahim humna waraanichaa keessatti tajaajila qunnamtii irra akka hojjetu himee, isaafi hiriyoonni isaa meeshaa of harkaa qabanis osoo hin dhukaasiin akka turan hime.





Gaafa Onkoloolessa 27 akkuma to'atamanii jiraniitti gara loltoota 5,000 kan taanu bakka Idagaa Hamus jedhamutti nu geessan jedhe Ibiraahim.





Erga achi tursiisanii torban booda ammoo gammoojjii bakka leenjiin itti kennamu Abii Addii jedhamutti nu geessuun bakka sadiitti nu qoodan jedhe.





Hoggantoota olaanoo fi gidduugaleessaa, dubartootaa fi loltoota kaan adda baasan jedhe. Haala kanaan A.L.I Sadaasa 7-16tti achuma keessa akka turan hima.





Ogeeyyii 50 ol Tigraayitti bobbaasuu Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa ibse
Hospitaalli Maqalee guddichi 'hanqinni meeshaalee wal'aansaa mudateera'
Loltuun biraa BBC'n dubbise ajajaa kudhanii Bulchaa jedhamu kutaa waraanaa 11ffaa irra kan ture hima.





Bulchaan waggoota kudhaniif naannoo Tigraay bakka adda addaatti tajaajila loltummaan akka hojjechaa ture hima.





Guyyaa haleellichi raawwate hiriyoonni isaanii ''nuyi qabamnee jirra. Yoo dandeessan nuuf qaqqabaa ykn ammoo lubbuu keessan baafadhaa,'' jedhanii ergaa gabaabaan akka barreessaniif hima.





Kun halkan keessaa sa'a jaha irratti tahuu kan himu Bulchaan, meeshaa keenya fudhachuuf gara kuusaa gaafa deemnu namni achi keessa hojjetu hin fudhattan jedhee nu dide jedhe.





Kana gidduutti humni addaa naannoo Tigiraay gara samiitti qabanii dhukaasuu jalqabani jedhe. Haa tahu malee falmiin booda meeshaa isaanii fudhatanii hanga gaafa 25 bara 2013 guyyaatti waraana irra akka turan hima.





''Booda hoggantoonni keenya dhukaasa dhaabaa gara mana keessaniitti galaa jennaan, dhaabnee gara buufata keenyaatti galle.





Guyyuma sana gara sa'aa 8:00 hoggantoonni keenya waraana dhiisaa meeshaa gara kuusaa isaatti deebisaa nu jennaan deebisne.





Kana gidduutti luboota fakkaatanii fannoo qabatanii dhufuun dhiifama nu gaafatan. Nuyi qaama nu waraanes maaliif akka tahes waan hin beekneef dhiifama goonu hin qabnu jennee gaafa didnu deebi'anii sokkan.''





Bulchaan ajajoonni isaanii guyyuma sana ammas furtuu of harkaa qabnu nu deebisiisanii meeshaa waraanaan ala kan dhuunfaa keessanii walitti qabadhaa bakka deemtan qabdu nu jedhan jedhe.





Erga sakatta'insa gaggeessanii booda konkolaataan dhufee gara Idagaa Hamusitti akka isaan geessan hima.





Kaartaa magaalota Naannoo Tigraay agarsiisu
'Filannoo sadii nuuf kennan'
Ibiraahim Tambeen erga deemanii booda guyyaatti daabboof bishaan dhiyaachaafi akka ture dubbata.





''Booda filannoo sadii nuuf kennan. Tokko namoonni fedha qaban gara humna addaa naannoo Tigiraayitti makamuun waraanicha irratti hirmaachuu, kan lammaffaa namootni naannoo Tigraay keessa jiraachuu barbaadan achumatti hafanii jiraachuu akka danda'anii fi kan sadaffaa ammoo gara bakka dhaloota keenyaatti deemuu warri barbaannu akka deemnu ture.





''Kana irratti humni keenya guutuun isaa gara bakka dhaloota keenyaatti deemuu barbaanna jechuun waliigalle.





''Kanaaf gaafa Sadasaa 19 erga gara torban sadii nu tursiisanii booda konkolaataa fe'umsaan dhalattoota Amaaraa fi Oromoo gara naannoo Amaaraatti nu galchan. Amma Saqoxaa keessa jirra,'' jedheera.





Ibiraahim namoonni to'annoo humnoota TPLF jalaa bahuun fe'aman gara 9,000 akka tahan himee, ammayyuu achitti kan hafan odeeffannoon qabuun gara 4,000 tahuu jedhe.





Lakkoofsa kana gama mootummaanis tahe BBCn hin mirkaneessine.





Qondaaltonni siyaasaa Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT) gama isaatiin miseensota waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa 4,000 ol ta'an kan tibba Izzii Kaabaa haleelaniitti to'ataman gadhiisu beeksisuun isaa ni yaadatama.





Uffanni dambii gubachuu
Ibiraahim humnoonni TPLF loltoota qabatan keessaa kanneen meeshaa gurguddaa dhukaasuu danda'aniifi ogummaa adda addaa qaban adda baafachuun isaan irratti xiyyeeffatu jedhe.





Dabalataan Bulchaan yeroo filannoon dhiyaatuuf uffata loltummaa akka ofirraa baasuu qaban itti himamuu dubbata. Ta'ulleen garuu inni waan itti adda baanee beekamnu waan taheef baasuu hin qabnu jedhanii akka didan hime.





Yoo kan baasnu tahe ammoo achumatti hundi isaa gubachuu akka qabu gaafachuu hima.





Kanaaf kaameeraan waraabaa dhufanii uffata irraa baasanii achumatti guban jedhe.





Haala kanaanis namoota gara bakka dhaloota keenyaatti deemuu filanna jedhan konkolaataa 28 ta'uun fe'anii akka gara naannoo Amaaraatti ergan hima. Guyyaa afur boodas naannoo Amaaraa Saqoxaa galle jedhe.





Achitti uummanni tajaajila akka kennaafii jiru BBCtti himeera.





Turtii Tigiraay keessaa….
Ibiraahim gochaan akkanaa naannicha keessatti isaan irra ni gaha jedhee yaadee akka hin beekne hime.





Uummata waliin turre. Hiyyeessota gargaaraa turre. Mana ijaaraafi qamadii haamaafi turre.





Garuu haala amma isaan naannichatti mudateen baayyee gadduu isaa BBCtti himeera Ibiraahim.





Akkasumas Bulchaan, mindaa isaanii irraa kutuun uummata Tigiraayiif mana barumsaa ijaarsisaa, awwaannisa ari'aafi hojii kaaniin gargaaraa akka turan yaadata.





Waan akkanaa nurratti raawwata jedhee yaadees hin beeku jedhe.





Sarara diimaa
Waraanni mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti eegale amma ji'a tokko guutuuf jedha. Magaalaa Maqalee dabalatee naannoon Tigiraay irra caalaan to'annoo mootummaa federaalaa jala galuu MM Abiy Ahimad himaniiru.





Waraana kana hordofee namoonni 40,000 ol tahan qe'ee isaanii irraa baqatanii biyya ollaa Sudaan galaniiru.





Isaaniin deebisanii galchuufi deeggarsi namoomaa bakkeewwan barbaadamanitti akka dhiyaatan gochuuf mootummaan akka hojjetus ibsameera.





Hogganaan TPLF Dabratsiyoon Gabra Mikaa'el garuu ittuma fufanii akka lolan himanii ture.





Maddi: BBC News Afaan Oromoo

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...