Tuesday, March 29, 2022

Jaal Guutamaa Hawaas

Seenaa Guutamaa Hawaas (1945-1994)





"ኦህዴድን የሚመራው ኦሮሞ ሳይሆን ኦሮምኛ ተናጋሪ ትግሬ
ነው"





Jaal Guutamaa Hawaas (1945-1994)
Jaal Guutamaa Hawaas magaan dhaloota isaa
Jamaal Roobalee ti. Gooti Oromoo kun bara 1945 keessa abbaa isaa obbo Roobalee Daadhii fi haadha isaa aadde Gaashoo Tofoo irraa Oromiyaa Kibba bahaa kutaa Arsii, Konyaa aa Guuguu, aanaa Gololchaa, Araddaa Ashuttee ganda Haaroo jedhamutti dhalate. Umuriin isaa barnootaaf akka ga’eenis mana barnootaa Gololchaa seenuun kutaa 1 ffaa hanga 4ffaatt kan barate yoo ta’u, kutaa 5ffaa hanga 12ffaatti ammoo gara Finfinnee dhaquun mana barumsaa Addis Katamaa (Li’ul Mokonnin jedhamutti baratee xumure. Akk barnoota isaa xumureenis waaijira “Bunnaa Boordii” jedhamu keessaan hojii jalgabe. Waajjira kanas birkii Finfinnee fi Diillaatti
aragmu keessa yeroo muraasaaf hojjete
ramadamte. Wajjirra kana keessatti bulchaa
aanota garaa garaa, keessattuu bara 1975 hanga 1977 tti naannoo Arbaa Guuguutti ramadamuun bulchaa aanaa Gololchaa tahee hojjateera.
Maayyii irratti bara 1978-1979 ti konyaa Arbaa
Guuguutti gaafatamaa dhimma ummata (Hizbi
Dirijjit) ta’ee hoijete. Haa ta’uyyuu malee
mootummaan Dargii sochii qabsoo bilisummaa Oromoo waliin hidhatan qaba jechuun ba uu fi galuu isaa waan hordofuu abeef, waajira kana gad lakkisuun gara hojii isaa jalgabaatti deebi ee hojjechuu jalgabe.
Jaal Guutamaan yeroo naannoo kana keessa hujii mootummaa kana hojjataa turetti miseensa ABC waan tureef, achuma keessa hujii dhaabaallee (ABO) lafa jalaan hojjataa ture. Kuni illee, Maadhee dhaabaa lafa jalan ijaaruu fi miseensonni dhaabaa karaa saniin gaaratti bahandabarsuu irratti hoijataa ture Miseensonni quba qabeennaa fi gajeelfama isaatiin karaa naannoo inni hoijatu keessa qaxxaamuranii gaaratti bahan keessaa akka fakkiitti yoo tudhanne ayyu Duree ABO yeroo sanii J/Bariisoo Waabee (Magarsaa
Bari), Kinfa-Mikaa el Hindheessaa,Ahmad Bunaa (Goota Bobbaas), Baaroo Tumsaa, Abbaas Biyyaa Roobaa fi kan kana fakkaatantu keessatti argamu. Miseensonni gaafa san akka hiriyyaatti isaan walbeekanii fi waliin mana barumsaa irra turan, kanneen amma lubbuun jiran Obbo Ahmad Huseen, Maammee Adii, obbo Huseen Aadam fi obbo Jayluu Abobakar faa rraa seenaa duubbee isa caalatti qorachuu fi baruun ni dandayama.
Hojii qabsoo ka inni lafa jalaan hoijataa fi
hojjachiisaa ture waan diinaan jalaa saaxmeefis maayii irratti innilleen. diina jalaa baafatee gaara seenuu fi guutuu guutuutti hojii qabsoo irratti hirmaachuun dirqama itti taye. Akka kanaan bara 1979 keessa naannoma Arbaa-guuguu, Gololcha kanatti dirretti bahe. Qabsoon hidhannoo yoosuma sanuu naannoo sanitti eegalamee waan jiruuf, rakkina tokko malee Waraana Bilisummaa Oromoo ka naannoo sanitt ramadamee bobba aa
jirutti makamuu dandaye Obbo Guutamaan eega jaallan saa dura gaara jiranitti makamee dirqma qabsoo ka dhalootaan Oromoo tayuu isaan irra jiruu fi gama dhaaba isaan hoji sadarkaa gara garaatti itti keennamu mara amanamummaa fi gaafatamummaa guutuun hojjataa ture. Obbo Guutamaan yeroo sanaa kaasee hanga gaafa wareegameetti gaafatama dhaabaa ka gara garaa irra ture. Gaafatamni kunillee Bara 1979 irraa kaasee haga 1984-tti miseensa koree Godina Kibba-Bahaa ture. Yeroo sanitti Godina Kibba-Bahaa ka jedhamu: aalee Diida aa, Baalee fi kutaa Harargee keessaa ammoo Ona(Aana) Daaroo-Labuu ka dabalatuu fi of keessaa qabu jechuu dha. Yeroo kana koree keessatti gaafatamni isaa gaafatamaa hojii hawaasummaati fi Kibba- Bara 1983 Jila miseensota ABO Godinoota Bahaa Bahaa irraa yaamamee fi hogganoota ABO ka wareegaman
bakka buusuuf kutaa Harargee, Laga Raammis,
bakka raaree Aadam Boruu jedhamutti taa’e
irratti miseensa koree maatii fi jaallan isaa irraa
jidduu ABO (member of centeral committee of
OLF) tayee filame.
Bara 1984 keessa baruman itti aanu walgahii
Koree Jidduu 2ffaa kutaa Harargee, Aanaa
Daaroo Labuu, bakka Sakattee Billiqaa jedhamutti
taa e irratti gaafa Waajjirri Siyaasaa ABO (OLF
Political Bureau) jalgabaaf ijaaramutti miseensa Waajiira Siyaasaa member of Political Bureau) tayee filame. Achumaan mataa Damee Hawaasummaa ABO tayuun ramadame. Bara 1989 yeroo Korri ABO 2ffaan kutaa Harargee,naanoo Laga Gobelleetti godhamuuf qophii irra jirutti miseensa Koree Qindeessituu Kora Sabaa ABO tayee gaafatamummaa Itti-aanaa fi diinaggee koree kanaa fudhatuun ramadamee hojjate Kora irratti ammoo, marroo lammaaffaaf miseensa Koree Jidduu fi Waajjira Siyaasaa tayee filame. Achumaan mataa Damee Diinaggee
ABO tayuun ramadame. Bara 1991 yeroo
mootummaa cehumsaa keessa ABOn seene,
hirmaata hujii ka hoogganni dhaabaa yeroo san
hojii mootummaa fi dhaabaa walitti qindeeffatuuf godhate irratti miseensa mana marii (member of
parliamen) fi gaafatamaa Godina Kibbaa tayee
ramadame Bara 1992 yeroo ootummaa
Cehumsaa keessaa ABOn bahetti gaafatamuma
kanaan dirree qabsoo Zoonii Kibba Bahaa, kutaa
Baalee, naannoo Gadabii fi Dalloo Bunaatti
deebi’ee maroo lammaffaaf gaara seene akkuma
beekamus yeroo sanatti waraanni Wayyaanee fi
Sha’abiyaa human isaani walitti qindeeffachuun
waraana.
Aadda Bilisummaa Oromoo dhabamsi isuuf lolaa
guddaa yeroo isaan itti banan ture. Eblia 12 bara
1994 ttis kultaadhuma kana aanaa Dalloo
Mannaa, naannoo Laga Dayyuu, bishaan
Haxiballaa jedhamu irratti Waraanni Wayyaanee fi
Sha’abiyaa kun lola guddaa WBC irratti bana niin
lola hadhawaa guyyaa sad’iif ta’e keessatti akka
gootaa lolee lolchiisaa erga tureen booda Ebila l4
naannoo Barraaq bakka Dhukkee jedhamutti lola
irratti tayeen diinaan marfamee harka koo diinatti
hin kennu jechuun boonbii ofitti dhoosanii jaallan
isaa arfan yer waliin turan waliin wareegaman.
Isaan keessaa namni ba’ee fi qabamellee hin
turre.
Lafa gammoojjii kan akka malee howuu fi
bishaan hin qabne keessatti lola sana jalaa
Jaal Guutamaa milkisanii baasuuf araanni
guddaanii fi kan karaa beekan itti bobbafamanii
wareegamni guddaan itti ba’ellee madaala
humnaan garuu milkaa uu hindandeenye ture.
Miseensonni ABO yeroos obbo Guutamaa
Hawaas wali in turan keessaa hang tokko; obbo
Wayyeessaa (Qaasim Mohammad Korboo)
jedlama Dhaloonni jaala kanaa kutaa naannoo
Roobee, bakka Kabiira ture. Jaalli, obbo
Qondaala waliin wareegame kun miseensa
buleessaa fi dhaabaa ka yeroo gara garaa
gaafatama ulfaataa huji siyaasaa, dinagdee,
qunnamtii fi kkfra yeroo gara garaatti fudhatee
hojjataa ture yoo tayu, yeroo saniif ka obbo
Guutamaa biratti ramadameef. nama kara fi
biyyallee qajeellotti beekuu fi jaala baraarsuu
dandaya jedhamee akka itti gaafatamaatti itti
dabalamee dha Qabsooftuu biroon ka Jaal
Guutamaa waliin wareegamte aadde Qananii
jedha Dhaloonn isii kuta Shawaati Dubartoota
qabsoo Oromoo keessaa da fudhatan keessaa
dubartii akkaan murannoo fi hubannoota qabsoo
qabdu yoo taatu, yeroo rakkisaa ka bara 1992-4
keessa duulli ayyaanee WBO-tti hammaate
keessatti gara kuteennaan sodaa fi bir aa tokko
malee lafoota rakkisoo diinni marsee nu eeggatu
keessatti hulluuxee garaacha diinaa seenuun
WBO ta jiraachisaa turteedha. Kan sadaffaa obbo
Tasfahun kan naannoo dhiha Oromia Wallaggatti
dhalatee fi arfaffaan Galataa kan iedhamuu fi
dhalootan Baale ta’aniidha
Miseensonni kun miseensota ni gabu keessaa.
miseensota buuleyyii, jajjaboo fi qabsoo irra
jiramu irratti urjii tayanii maan geegessaa turan
tayuu isaanii osoo hin kaasin bira dabarru hin
dandeennu. Lolli obbo Guutamaan keessatti
wareegame kun, lola guddaa fi hadhaawaa
hiriyyaa hin qabne ture. Guyyaan 3 guutuu
waraanni miillaa ka lakkoysa guddaan itti duulce
wal marroo yoo murni tokko dadhabu, kaan isaan
irratti wal dabarsaa isaaniin lolaa ture, ture. Wara
qilleessaa ammoo xiyyaaraan nyaataa fi bishaan,
hidhaannoo fi madoo isaa guuraafii ture. Lola san
keessatt milkii fi in jifannoon kan WBO ture,
Miseensota akka obbo Guutamaa qaqqaaliin haga
okko WBO irraa haa wareegaman malee diina irra
hoong ahe guddaadha. Gama diinaatii araanni
lola atti WBOn ajjeefamee fi madeeffame malce
ka akkanumatti gaara keeessatti faca’ee hafee
bineensaa fi allaattiin reeffa saa nyaatte, ka
hidhannoo isaa ummatni Oromoo bosona
keessatti irraa guurate nama 60 ol ni taya. Ka
rasaasa WBOn mate lakkooysi isaa haga hin
qabu. Humni guddaan isaan irratti duule Sun
yeroo achii galutti birgeediin tokko ka nama
10,000 of keessaa qabu sababa kanaan guututti
kan irraa diigame ture. Namni naannoo fi lola san
keessa hin turin hat enna ola kanaa kanarraa
hubachuu fi baru ni dandaya jechuudha.
Jaal Guutamaa Hawaas, naannoon inni yeroo
duraatii qabsotti gadi bahee fi keessa hojjachaa
tur naannoma ufi keessatti dhalate waan tayeef
bara 1979-85 tti sababaa fi maqaa isaatiin
warraa fi maatii ka keessaa dhalate dabalat
ummanni Oromoo ka naannoo anii fi hiriyyoonni
Isaa ee osoo hin hafin diinaan ajjeefamanii
lafarmaa Amaar duguugamaa turan. Obboleessa
isaa Muhaammad Roobalee Daadhii bara 1980
keessa Magalaa Abboomsa keessatti diinni
ajjeese, akkasuma Obbolectti isaa Lukku
Roobalee Bara 1982 ji’a Ramadaanaa keessa
eddoo Dande jedhamuttu bakka looniin godaantet
ganama manaa fudhanii kaampi waraanaa Haroo
Kambeelaa jedhamutti guyyaa guutuu qaamaa fi
qalbi in dararaa erga oolan booda naannawa
manaa deebisuun rasaasaan tumanii biraa
deeman Namoonni gaheeyyiin, maanguddoonni
dhiiraa fi dubartii, dargaggoonni fi shamaran
bakka tokko walitti qabamanii rasaasaan
ajjeefamaa, mana keessatti ibiddaan gubaman fi
bakkoota gara garaatti ajjeefamuun awwaalallee
dhabuun bineessaa fi allaatiin nyaatc toora nama
500 oliiti.
Qabeenni mana keessa gubamee hori in baroota
kana keessa diinaan saamame miliyoonaan
lakkawama. Sanyii lafarraa duguuginsa ilma
namaa ka naannoo sanitti di inni magaa J/
Guutamaa fi ABOn ummata keenna irra geese
barruu gabaabduu fuula tokkoo lamaatiin
himaanii fixuun hin dandayamu. Gochaan kun ka
yeroo fi qorannaa dheeraa barbaadu waan tayeef
hayyoon Cromoo seenaa qoratanii fi barreessan
dhimma kana qoratanii dhugaa jiru sabaaf akka
baasanii carraa kanaan gaafanna.
Jaal Guutamaa Hawaas, haga yeroo dheeraa
falmaa qabsoo bili summaa Oromoo keessa ture
keessatti, hujii inni hojjataa ture, huji boonsaa fi
seena qabaassa, ka namni tokkollee
hammeennaa fi ir’oomina irra himuu hin
dandeenne tayuu isaattu ture. Eennummaa fi
amaloota mataa fi hujiif ka jaalli kun addatti
qabu keessaa haga tokkollee tayu akka itti aanu
kanatti ragumaaf dhiheessina. Jaal Guutamaan
nama umma guddaa qabu waan tayeef, hawwiin
isaan saba Oromootiif qabu tarrisanii fixuun
namatti ulfaata. Ummataa fi ilmaan Oromoo ka
miseensota dhaabaa tayan mara ija tokkoon
ilaala, akka tokkotti yaadaafilleedha. Obbo
Guutamaan nama mooyxannoo hojii yeroo
dheeraaf qabu waan tayeef hujii fi gaafatama itti
kenname sirnaa fi qulqulluminaan hoijeta Obbo
Guutamaan, amalaa fi mooyxannoo hooggana
tokko irraa eegamu guuttatee nama qabu. Nama
waan ufii isaatii hin goone, miseensaa fi
hooggana biraatiin godhi jedhuu miti. Sirna talifaa
waan beekuuf, nama hujii fi miseensota
hoogganullee sirnaan hoogganuu fi toohatee
bulchuuhdha.
Jaal Guutamaan homa mara keessatti ifaadha.
Nama sodaatee (zigaalee) gora, dadhabbii,
akkasuma shira jiruu fi….kkfn miseensota,
anootaa fi abbuma fedhe irratti yoo argu osoo
jalaa hin dhoksin ifatti itti nama itti himu. Jaalli
kun, nama ufii sirnaa fi seeraan bulee namni
biraallee akka sirnaa fi seeraan bulu nama
jaalatu. Namni sinnaa fi seeraan hin bulle isa
biratti gatii fi bakka hin qabu Jaal Guutamaan,
barsiisaadha. Haga dhaaba keessa turetti, ka inni
ittiin beekamu barsiisummaani. Hogganoota ABO
ka miseensotaa fi ummata orolmoo dhihaatanii
barsiisuu fi guddisuu jaalatanii fi barsiisaa turan
keessaa nama hangafaatii fi hiriyyaa hin qabne.
Hojii fi barsiisuu irraa ar’a xiqqoo isii na
dhukkuba” jedhee hin boqatu. Miseensonni inni
barsiisee mooyxannoo hujii sadarkaa garagaraa
itti hore herregayyuu hin qaban. Jaal Guutamaan
qulquillummaa jaalata. Qulqullummaa qaamaa,
hoji naannoo fi…kkfn mara. Yeroo hunda ka inni
namootaan irratti waldhabulleen kanuma. obbo
Guutamaan masluufummaa, dan ta-dhablummaa,
maal of golummaa nadhibummaa ayyaan-
laallattummaa walumaa galatti amaloota farra
warraqsaa hin jaallatu; itti duulaa ture. Namni
inni jaallatu nama amaloota warraagsaa qabu
qofa.
Jaal Guutamaan murataa fi na man waan takka
murteeffate inraa of duuba hin deebineedha.
Umurii maanguddummaatiin osoo dhukkubsatuu
wareegni inni qabsoo Oromoo irratti baasellee
kanaan walqabata. “Ani umrii kanaan ammaa
achi lama hin tayu, Oromiyaa fi WBO gaaratti
dhiisee baqat diinaatiif jecha biyyaa hin bahu
asummattin wareegama osoo jedhuu
wareegamee kufe. Yeroo mootummaa Cehumsaa
keessaa bahamutti akkuma jaallan hogganoota
ABO ka hafani osoo hiree alatti bahuu qabuu fi
dandayanii dhiisuun marroo lammataatiif gaaratti
deebi an Jaal Guutamaan, sobaa fi kijiba hin
beeku: nama sobullee hin jaallatu. Namni kijibuu
jaala isaatii miti. Haga feete had hooytuu fi
jibbamtullee dhugama dubbachuu jaallata.
Jaal Guutamaan goota; bakka laalee rraa jechaa
fi gochaanillee sodaaf jecha of duubatti irraa hin
deebi’u.
Jaal Guutamaan bashaasha. ama booharee nama
booharsuudha. Yeroo akkas miseensa isaan
addaan filatan hin jiru. Miseensota dhaabaa
guddaa fi xiqqaa mara akka abbaa, obboleessaa,
ilmaa fi hiriyyaatti taphata. Namni inni irraa
qoorrifatu hin jiru. yeroo fi bakka hojiitti ammoo
taphaa fi cooraan hin beeku. Isa biratti wanti
martuu bakkuma isaa qaba.
Jaal Guutamaan hoggana qofaa osoo hin taane,
ilmaan Oromoo ka qabsoo keessatti hirmaatan
maraaf akka abbaa fi hadhatti yaaduu fiin
kunuunsaa ture. Ilmaan Oromoo mataa qaqqabee
kada are daara baasuu, ka xuraawe nafa irraa.
dhiqunu fi rifeensa irraa haaduu ykn filuufii, ka
beelye nyaachisee obaasuun akka abbaa fi
haadhatti tajaajiluu ture Dirreen qabsoo, dirree
gammachuuti malee dirree gaddaatii mitii maalif
of gadi qabdan? Gammadaa taphadhaa” hamilee
isaanii ol kaasuun jajjabeessaa ture. Ummata
Oromoo, ummata ormoolee haaluma kanaan
horataa ture. Yeroo mara dhimma mataa isaatiif osoo hin taane sababa miseensotaa fi ummata kanaatiin hogganootaa fi gondaalota dhaabaa maraan wal lolaa jiraachaa ture. Haalaa fi qabaan gaariin ka inni miseensotaa fi ummata keennaaf godhaa ture, hogganoota dhaabaa ka wali in jiru mara biratti dinqisiifannaa guddaa kan uumsiseef ture. Jaal Guutamaa Hawaas abbaa
intala tokkoo ture. Intalti isaanii Aadde Biiftuu
Guutamaa jedhamti. Aadde Biiftuun yeroo
ammaa kana biyya Awustraliyaa keessa jiraatti.
Qabsa’aan ni kufa, qabsoon itti fufa!
Madda: kitaaba Goota Oromiyaa

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...