SEENAA GOOTICHA OROMOO ABDIISAA AAGAA
Abdiisaa Aagaa bara 1928 bara weerarsa Xaaliyaanii booji’amee gara biyya Xaaliyaanii erga geeffameen booda uffata qorraa tatarsaasee walitti fo’uudhaan mana hidhaa warra Xaaliyaanii keessaa of baasuun nama biyya sana keessatti tapha gootummaa dinqisiisoo raawwate dhala Oromoo bara sana loltuu Impaayera Itiyoophiyaa ture. Abdiisaan kan dhalate Oromiyaa gama lixaa Wallagga keessatti ture.
Abbaan Abdiisaa yommuu inni waggaa 12 turetti obboleessa isaa ykn Wasiila Abdiisaa aariidhaan ajjeesee mana hidhaa keessa yeroo turetti Abdiisaan abbaa isaa mana hidhaa keessaa baasuuf yaalii hedduu gochaa turus otoo isaaf galma hin gahiin murtiin du’aa waan irratti darbee tureef du’aan lafarraa jalaa godaane. Waggaa 2 booda waggaa 14ffaa isaatti gara waraana Impaayera Itiyoophiyaa yeroo sanaatti makamee sochii loltummaa eegale. Erga dirree waraanaa seeneen waggaa 2 booda waggaa 16 yommuu guutu gaggeessaan biyya Xaaliyaanii Mosolooniin haaloo mo’amuusaa isa jalqabaa bahuuf dhaadachuun gara biyya kanaa dhufuun waan weerareef Abdiisaanis adda waraanaatti hirmaachuun waraanuu eegale.
Waraana irratti balaan madaa’uu cimaan waan isa qunnameef erga yaalii fayyaa irra tureen booda Magaalaa Finfinnee naannoo amma Piyaassaa jedhamu kanatti mana tokko keessatti hidhaa dhaabbii irra ture. Yeroo sanatti Itiyoophiyaa akka bulchuuf Xaaliyaanotaan kan muudamee ture nama maqaan isaa Giraaziyaanii jedhamu irratti yaalii ajjeechaa gootanittu namoota jedhamuun shakkaman 37 mana hidhaa keessatti hidhaa dhaabbiin erga dararama guddaa dhamdhaman booda karaa bittaa Xaaliyaanii jala kan turte Somaaliyaa fuudhanii Abdiisaa fi namoota kana hunda gara cittuu lafaa kan Xaaliyaanii Siisiiliitti hidhaman taasifaman.
Abdiisaan nama yeroo maraa ani maaliifan mo’amaa? mo’amuun anaaf du’a jedhu waan tureef lammii biyya Yuugozlaaviyaa kan ta’e Huuliyoo nama jedhamu waliin wal ta’ee mana hidhaa eegichi cimaan godhamuuf kana keessaa haala ittiin badu mala dhayachuutti ka’e. Yoo mana hidhaa kana keessa bades biyya inni itti badu kun ammas isaaf keessummaa taatus of bilisoomsuuf jecha uffata qorraa isaaf laatame tatarsaasee walitti fo’uudhaan karaa foddaa bahe.
Kana booda garuu jalaa baqa hin turre kan eegale. Guyyoota muraasa booda halkan gara mana hidhaa sanatti deebi’ee dhaquun eegdota mana hidhaa sanarratti dhukaasa banuun hidhamtoota achi keessa turan gadhiisisees ture. Namootni mana hidhaa sana keessaa bahanis garee mormitootaa isa yeroo ammaa kana bilisa baasaa jedhamuu kana meeshaa eegdota mana hidhaa irraa saaman fayyadamuun ijaarratanii gooticha Abdiisaa Aagaas akka gaggeessaa isaanii ta’uuf sagalee guutuun filatan. Gareen kunis ejjennoo isaanii haala cimaan jabeeffachuun mooraa loltootaa Xaaliyaanii hedduu rukuchuudhaan isa biyya Itiyoophiyaa jedhamtu keessatti isaan qunname caalaa balaan amma karaa gartuu Abdiisaafaa isaanirra gahaa jiru humnaa ol itti ta’aa dhufe.
Abdiisaa Aagaa
Abdiisaa Aagaa – Goota Oromoo Maddi Suura: Makko Bili show OBSTv
Waraana Abdiisaatiin kan hunkuraman Xaaliyaanotni kennaa fi wantoota adda addaa waadaa galuufiin akka gara waraana isaaniitti makamuufillee kadhataanii ture. Abdiisaanis Faashistoota waliin akka hin hiriirre jala sararee isaan hubachiisuun daraan Xaaliyaanota dhiphisuusaa itti fufe.
Waqtii sana baay’ee ho’aa kan dhufe sirni Naazii Jaramanii waraana addunyaa lammaaffaa yommuu eegalu Faashistichi Mosolooniin Jarmanoota faana soddoomuusaatiin kan ka’e Biritaaniyaa,Faransaayii fi Ameerikaan biyyoota dhihaa waliin wal ijaaruun Mosoloonii waraanuu eegalanii ture.
Gamtaan sunis maqaa Abdiisaa erga dhagahan booda humna Mosoloonii dadhabsiisuuf jecha meeshaa waraanaa fi kanneen biroo kennuufii eegalan. Gargaarsa sanaan jabaachuun Xaaliyaanota lafa isaan dhaabbatan hunda qilee erga itti godhaa tureen booda humni waraanaa Xaaliyaanii kufuusaatiin magaalaan guddittiin Xaaliyaanii Ameerikaa fi Biritaaniyaa harka waan seenteef Abdiisaanis loltoota isaa biyyoota adda addaa irra walitti dhufan irree isaaniirratti alaabaa addaa yeroo sanaa irree isaanii irratti akka godhan taasisuun yommuu magaalaa Roomaa seenan gamtaan waraanaa Idil Addunyaa yeroo sanaa simannaa baay’ee ho’aa taasiseef.
Kana itti aansuun loltoota dabalataa kan gamtaa waraana Idil Addunyaa yeroo sanaa jalatti bulu tokko gaggeessuudhaan waraana isa dhumaa Jarmaniin mo’achuuf gaggeeffame sirnaan dirqama isaa baheera. Erga waraanni xumurameen boodas Mootummoonni akka Biritaaniyaa,Ameerikaa fi Kanaadaa akka waraana isaanitti makamuun itti fufuuf faayidaa adda addaa dhiyeessaniifi ture. Abdiisaani akka biyyasaa dhiisee jiraachuu hin feene itti himuun gaaffii biyyoota kanaa kufaa godhe.
Isinitti hin makamu jechuun gaaffii isaanii jalaa waan kuffiseef maqaa yakka jedhuun Abdiisaatiin gamtaan waraanaa Idil Addunyaa sun mana hidhaa isa galchanii ture. Hidhaan sunis boodarra gara adabbii qarshiitti jijjiirameefii kaffaaltiinis xumuramee kabajaan gara biyyaatti deebi’e. Bulchaan biyya Itiyoophiyaa yeroo sana Hayile Sillaaseen kabajaan erga Abdiisaa Aagaa siamteen booda gara Ministeera Ittisa Biyyaa yeroo sanaa kan ture Raas Abbabaa Aregaay nama jedhamuuttis ergee ture.
Ministirichis gara mooraa loltootaa xiqqoo Hoolotatti argamtuu tokkotti erguun aangoo loltummaa xiqqoorra kaa’e. Haa ta’uyyuu malee Hayile Sillaaseen namootni adiin yommuu dhufanitti waa’eesaa yommuu odeessan waan dhaga’eef gara masara mootummaatti waamuun Kolooneelii taasisuun muudama laateefii. Hamma lubbuun isaa darbutti hojii irra ture.
http://xalayaa.com/seenaa-fi-aada/seenaa-gooticha-oromoo-abdiisaa-aagaa/
No comments:
Post a Comment