Yunivarsiitiin Koolleejii Poolisii Oromiyaa gosa Barnootaa adda addaa sagantaa TVT tiin kennu daran cimsuudhaaf dhaabbilee leenjii fi barnoota ol-aanoo gara garaa waliin waliigaltee mallatteessee jira.
Yunivarsiitiin Koolleejii Poolisii Oromiyaa seena isaa keessatti yeroo jalqabaatiif barumsa sagantaa Mastarsiitiin baratoota 10 simatee barumsa eegaluun isaa ni beekama.
Bu'uruma kanaan Sagantaa TVT tiin gosa barnootaa Awutoomootiivii fi Eyyama konkolachisummaa akkasumas Narsiingiidhaan barsiisuudhaaf haalduree hunda erga xumuree booda barnoota eegalee jira.
Barumsa Yunivarstii Kolleejii kanatti kennamu kan adda taasisu meeshaaleen ammayyaa kan akka simuleeshinii barumsa kutaaf ooluu gahaa ta'e hojii irra ooluu isaati. Barmusa eegalame kana daran cimsuudhaaf dhaabbilee gara garaa waliin waliigaltee Uumanii hojjechuun barbachisaa ta'ee argamee jira.Yunivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaa, Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknooloojii Adaamaa, Meedikal Koolleejii Adamaa fi Dhabbata Leenjii Awutoomootiivii Missaalee Proojeektii Siwidin ta'e Guyyaa har'aa Hoteela Daalool Magaalaa Adamaatti argamutti Bakka Pirazidaantiin Yunivarsiitii Saayinsii fi Teknooloojii Adamaa Dr. Lammii Guutaa fi Daayireektarri Ol-aanaa Yunivarsiitii Koolleejii Poolisii Oromiyaa G.Komishinaraa Kaadhimamaa Dr. Geetachoo Ittaanaa argamanitti waliigalteen mallataa'ee jira.
No comments:
Post a Comment