Bulchiinsi yeroo Tigraay qondaaltota naannoofi godinaa haaraa akka muudu beeksise – BBC News Afaan Oromoo
Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayitti hundaa'eef ittigaafatamummaan itti kenname tokko, naannichatti filmaata biyyoleessaa marroo jahaffaa gaggeessuuf mijeessuu tahuun ibsame.
Hojii gaggeessaa olaanaa naannichaa tahuun kan muudaman Muluu Naggaa (PhD) ibsa kennaniin, Naannoo Tigraayitti filmaatni biyyoleessaa marroo jahaffaa akka gaggeeffamu haalli mijataa ni uumama jedhan.
''Ittigaafatama bulchiinsa yeroo keessaa tokko, qajeeltoo Boordii Filannootiin naannichatti filannoon biyyaalessaa akka taasifamu haala mijeessuudha. Uummannis bilisummaan gaggeessitoota isaa filata,'' jedhan.
Kana malees bulchiinsi yeroo kun, bulchiinsa naannichaa irra deebiin akka caasessu dubbatan.
''TPLF filmaata seeraan alaati kan gaggeesse. Kunis mana maree federeeshiniin beekamtiin hin kennamneef. Kanaafis manni maree naannichaa beekamtii hinqabu.
Gaggeessitoonni sadarkaa naannoo jiranis beekamtii hinqaban,'' jedhan Dr. Muluun.
Kanaanis sadarkaa naannoofi godinaatti gaggeessitoonni haaraa akka muudaman beeksisan. Caasaaleen aanaafi gandaa tajaajila kennan akkuma jiranitti itti fufu jechuunis dubbatan.
Bulchiinsi yeroo kuni eeyyama karooraafi bajataa kennuu, seeraafi dambii kabachiisuu akkasumas mirga jiraattota naannichaa kabachiisuuf itti - gaafatamni akka itti kenname ibsameera.
''Bulchiinsichi itti gaafatamoonni kunneen akkamiin akka hojiirra oolan wixinee baasaa jira. Caasaan bulchiinsa naannichaa yoo jijjiiramu qajeelfama hordofuu qabuu wixinee keessa ibsama,'' jechuun ibsan.
Naannichatti qondaaltonni olaanoo yoo filamaniifi adeemsa kaan irratti ummata akka mari'achiisan ibsan. Dura aantummaan naannichatti nagaafi tasgabbii mirkaneessuun dursa akka kennamuuf ibsan.
''Dirqamni biraa haqa mirkaneessuudha. Ummanni Tigraay haqaafi bulchiinsa gaarii dhabuun rakkateera. Bulchiinsi yeroo kuni akka jijjiiramu haala mijataa ni uuma,'' jedhan.
Gama kaaniin kanneen waldhibdeen qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqa'an deebisuuf dhaabbilee federaalaafi gargaarsa kennan waliin akka hojjetan ibsaniiru.
Barumsa dabalatee tajaajiloonni hawaasummaa biroo haala sirrii ta'en akka kennamu akka taasisaniifi naannichatti dirree siyaasaa akka bal'isan ibsan.
''Dirreen siyaasaa dhiphateefi dimookiraasii dhabuun rakkoo naannichaa turan. Dirree siyaasaa bal'isuun paartilee siyaasaa naannicha keessa jiran hunda akka hirmaatan taasisna,'' jechuun ibsan.
Naannoo Tigraayitti qofa osoo hin taane biyya ollaa Ertiraa waliin nagaa buusuf akka fedhanis ibsan.
Itti gaafatamni Hojii Gaggeessaa ijoon biroo ''dhimma hidhamtoota siyaasaa qoratu hundeessuun akka gadhiifaman gochuudha'' jedhan.
Mootummaan federaalaa raayyaa naannicha jirurratti haleellaan raawwatamu erga ibsame hordofee murtee seera kabachiisu jedheen humnoota naannichaa irratti tarkaanfii waraanaa erga fudhatuu eegalee booda Naannoo Tigraayitti labsiin yeroo muddamaa labsameera.
Dabalataan, Manni Maree Federeeshinii biyyattii bulchiinsa naannoo Tigraay amma jiru seeraan ala jechuun erga diigee booda bulchiinsi yeroo haaraa akka hundaa'u murteessuun isaa ni yaadatama.
Bulchiinsi yeroo dhimma naannoo Tigraay ilaalchisuun mootummaa federaalaa waliin kan dalagu yoo ta'u yeroo ammaa bakkeewwan raayyaan to'atamanitti caasaa isaa ijaaruuf carraaqaa akka jiru ibseera.
Muluu Naggaa Kaahsaay (PhD) eenyu?
Dr. Muluu Naggaa Kaahsaay, Ministir deetaa ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa tahuun tajaajilaa kan turanidha.
Ji'a shan dura deetaa Ministiraa Ministeera Saayinsiifi Barnoota Olaanaa ta'uun muudamuu isaaniin dura Dr. Muluun Yunivarsiitii Finifnneetti hojii barsiisummaa, qo'annoo fi hooggansaan waggoota 18'f tajaajilaa turaniiru.
Gosoota Barnootaa barsiisummaa wajjiin walqabataniin Digirii jalqabaa fi Maastarsii isaanii kan hojjetan Dr. Muluun, PhD isaanii Yunivarsiitii Tiweentee jedhamu biyya Neezarlaands jirurraa, gosa barnootaa Bulchiinsaafi Imaammataan (Public Administration and Public Policy), xumuran.
Maddi: BBC News Afaan Oromoo
No comments:
Post a Comment