"Siyaasa Lagannaafi Baqannaa – Caalaa Bultumee
"Tarsiimoo qabsoon" Oromoo ittiin beekamaa, ittiinis jeeqamaa dhufe, kan waggoota dheeraa nu waliin ture, har'as "tarsiimoo" qabsoo ta'ee fudhatamee jiru "Siyaasa Lagannaafi baqannaati".
Siyaasni lagannaafi baqannaa siyaasa jibbaafi jibbisiisuu irratti hundaa'eedha. Meeshaan isaa immoo ololaafi maqa_balleessii wal irraa hin cinne gaggeessuudha. Akka tarsiimoo qabsoo lagannaafi baqannaa kanaatti, namni ilaalcha ati hordoftu hin deeggarre hunduu diina ta'ee ramadama. Namichi "diina" jedhamee ramadamuuf yaada sirriifi caalatti amansiisaa qabaatufi dhiisuu isaa miti. Ulaagaan tokkichi jiru sirriis ta'e dogoggora, ilaalcha ati deeggartu deeggaruu dhiisuu isaa qofa.
Akka tarsiimoo kanaatti qabsaa'aafi sabboonaan nama waan ati mormitu hunda mormu. Ulaagaan sabboonummaa tokkichi kanuma. Kana ta'uu baannaan, namichi "gantuu", "abbaa garaa", "wallaalaa" ta'a. Amma immoo "nafxanyaadha". Sabummaan kees sirraa mulqama.
Gara qabatamaatti fidnee yoo ilaallu, 'Sabboonaafi qabsaa'aa' ta'anii muudamuuf gocha mootummaa kamuu mormuu qabda. Gochiifi yaadichi ummataaf fayyaduufi dhiisuun isaa hin madaalamu. "Baqqaa" mormuu qabda. Kanarra ati 'sabboonaadha, qabsaa'aa' gameessa. Beekaadha. Caasaafi hirmaannaa mootummaa keessatti ta'u, akkasumas nama caasaa mootummaa sochoosu hunda balfuufi lagachuudha. Kana irratti immoo dandeessee hirmaannaa murna keetiin ala jiru irraa of fageessuun, yoo milkoofte immoo yoo baqatte ati 'goota', sabboonaadha', 'qabsaa'aadha'. Akkanaan baqannaati lagannaan qajeeltoo qabsoo ta'ee har'a gahe.
Kaleessa, haalli sirnoota turanii lagannaafi baqannaa akka tarsiimootti akka fudhattu si dirqisiisuu mala. Filatamaa ta'uu baatus, filannoo gaarii fakkaachuu mala ture. Tarsiimoon lagannaafi baqannaa kun Oromoota hedduu Oromummaa irraa mulqe. Silaa injifachuuf fira qabsoo horachuun diina illee fira godhachuun osoo danda'amuu qabsooftota dhugaa heddu dhabamsiise. Fkn. qabsoon Oromoo keessatti tarsiimoon lagannaafi baqannaa kun namoota akka Dr. #Haile #Fidaa nyaateera.
Dr Haile Fidaa, namni dukkana keessa taa'ee ifa arge, kan qubee Oromoo har'aa kana bocee Oromoofi jaarmayaalee Oromoo qaraasise "gantuu", "Goobanaa" jedhame. Mee ilaalaa: Namni jalqabaaf qubee Oromoo qajeelchuu bira darbee kitaaba seer_lugaa qubeen barreesse, Theatra Afaan Oromoo isa duraa barreesse Kun gantuu, leellisaa Nafxanyaa yoo jedhamu! Badiin sabboonummaa irraa mulqee, "Goobanummaa" gonfachiise immoo ilaalchiifi adeemsi isaa kan murna Oromoo yeroo sanaa tokko tokko irraa adda ta'uu isaati.
Dargii balleessuufi ariifachuurra itti siqanii waliin hojjechuun deeggaruu, karaarra buusuu ... qabna jedhee amanuu isaatu gantuu isa taasise. Gaaffiin Oromoo guutuun deebi'uu kan danda'u, Oromoon jabaan uumamuu kan danda'u biyya Itoophiyaa dimokiraatofte keessatti jedhee waan amanuuf ture. Hailen haala kanaan dhuma irratti tumsa Obboloota isaa Oromootiin jibbamuu bira darbee lubbuu isaa tokkittiis dhabe.
Seenaan hin awwaalamuuf har'a jabinni isaa ifatti bahaa dhufe malee warri Oromoof qabsoofna jedhan, jaarmayaas ta'ee dhuunfaadhaan maqaa isaa kaasuun lagatamaa ture. Qubee inni tolchetti fayyadamaa qubeedhaan Seenaan isaa barreessuun hanga har'aatti lagatame. Seenaan Oromoo diinatu awwaale jechuun komachaa Oromoon immoo Kan isaa awwaalee ture. Haile fakkeenyumaafin kaase malee kaleessaa hanga har'aatti qabsooftota heddutu gatii hin malle kaffale, kaffalaas jira.
Tarsiimoon Kun amoota siyaasaa biras darbee kanneen murna siyaasaa keessa hin jirre illee miidhaa jira. Duulli #Haacaaluu irratti gaggeeffamaa turee booda lubbuu isaa galaafate, ololli irratti gaggeeffamaa tureefi jiru Siyaasa Lagannaafi baqannaa kana irraa madde.
Oromoon kaleessa sirnoota darban lagachuufi baqachuun haala tureefi sadarkaa hubannoo ture irraa ka'uun sirriidha jennee fudhachuu dandeenya. Har'a garuu waan lamaaf tarsiimoo kana jijjiiruutu irra ture:
Tokkoffaan, sirni kaleessaa kan alagaa/diinaa ture. Har'a tarsiimoo kaleessa alagaa irratti shaakale jijjiirrachuu dadhabee olola jibbiinsaa walirratti oofa. Har'a sirbi jijjiirameera. Yeedaloofi dhamsi weelluu jijjiirameera. Oromoon garuu ragada isaa jijjiiruu hin dandeenye. Lammaffaa, hanqinni jira jidhee qaamni amanu hanqinicha sirreessuufu yoo ta'e sirnaafi jaarmayaa mootummaa beekuu beekuu barbaachisa. Seenaa qabsoo Oromoo keessatti namoonni jijjiirama qabatamaafi jijjiirama yaadaa fiduu danda'an namoota ala taa'anii meeshaan "tarsiimoo lagannaafi baqannaa", olola jibbiinsaa oofan osoo hin taane namoota sirna beekani. Kan durii keessaa #Hailemaariyam #Gammadaa, Col #Alamuu Qixxeessaa, Jen. Taaddasaa kaasuu dandeenya. Kan har'aa keessaa MM Dr #Abiyyi fakkeenya fakkeenya caalaniidha. Mee yaadaa, Oromoo tokko iddoo wayiitii fidanii 'sirna badii Wayyaaneen ijaarte diigii wayyeessii ijaari' jedhamee aangoon kennameef haa jennu. Diiguun haa hafuu waan diigamuufii ijaaramu hubatee hin beekin yoo jabaate bakka dhufetti deebi'a ykn guyyaa 2'tti ofis, biyyas diigee qajeela.
Walumaagalatti, siyaasa gaggeessuuf, sabboonaan ta'uuf, qabsaa'aa' jedhamuuf, qabsaa'anii injifachuuf, jibbaafi olola, lagannaafi baqannaa osoo hin taane yaada, sababa qabaachuudja. Qaama faallaa kee jibbanii jibbisiisuu injifannoon hin dhufu. Burjaajii qofatu dhufa. Injifannoon Kan dhufu tarrsiimoo jibbiinsaa Kan galmi isaa lagannaafi baqannaa bira hin dabarre tolchuu osoo hin taane, maalirratti akka qabsaa'amu, maaliif, eenyu waliin akka hiriiramu, eenyu akka lagatamuufi baqatamu beekuu barbaachisa. Sirbi yoo jijjiiramu ragada jijjiiruu gaafata.
No comments:
Post a Comment