Saturday, November 21, 2020

Oduun sobaa tarkanffii ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru hin gufachiisu - Taye Dendea Aredo

Oduun sobaa tarkanffii ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhatamaa jiru hin gufachiisu-Taye Dendea Aredo





Tarkanffii mootummaan ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf fudhachaa jiru gufachiisuuf oduun sobaa afarfamaa jiru ulaagaa kamiinuu fudhatama akka hin qaabanne hubachuun barbaachiisaa dha. Raayyaan Ittiisa biyyaa har'as akkuma kaleessaa injifannoon deeggaramuun hojii ol'aantummaa seeraa kabachiisuu isaa caalaatti itti fufeera.





Tarkaanffii kana duubatti harkisuuf kallattii hedduun oduu sobaa afarsuu irraa jalqabee gochaan kallattii jijjiirsisuuf raawwatamaa jiru humna mootummaa daran kan cimsu malee kan duubatti deebisu hin ta'u. Mootummaan hanga humni badii Tigraay keessa riphee jiru tarkaanffiin seeraa gochaa gantuummaan gareen kun raawwate waliin wal madaalu fudhatutti imalli ol'aantummaa seeraa kabachiisuuf jalqabee jiru itti fufa.Itoophiyaan golga yakkamtootaa hin taatu.





Kana immoo gareewwan lammiilee keenya irratti garaa jabinaan cubbuu raawwatan seeratti dhiyeessuun uummaata keenyaaf hojii qabatamaan ni agarsiifna. Oduun sobaa mootummaan Itoophiyaa marii waliigaltee jalqabuuf jedhamee fuula marsariitii midiiyaa haawasummaa irratti afarfamaa jiru namootni dhuunfaan fedhii isaanii kan itti ibsatan yoo ta'e malee, mootummaan yakkamaa Juuntaa waliin marii kamiifuu akka hin teenye hubachuun barbaachisaa dha.





RIB keenya aarsaa kaffalee fi har'as kaffalaa jiruuf uummaatni keenya daangaa hanga daangaatti dambaalii uumuun aantuummaa isaa agarsiisaa jira.Dhuma irratti sabootni, sablammootni fi uummattootni biyya keenyaa har'as akkuma kaleessaa aramaan tookkummaa fi nageenya keenyaaf gufuu ta'e hanga hundee isaarraa buqqa'uutti mootummaa cinaa dhaabbachuun garee badii kana yeroo dhumaaf gateettii uummaata keenyarraa dhaabamsiisuu fi biyya keenya daandii badhaadhinaatti yeroon itti ceesisuu qabnu har'a eegala!






https://www.facebook.com/permalink.php?story_fbid=739567416660360&id=312860729331033

Taye Dendea Aredo





Injifannoon Raayyaa Ittiisa Biyyaaf





#Paartii_Badhaadhinaa





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...