Saturday, November 21, 2020

Injifannoo Adwaa: Mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaa

Injifannoo Adwaa: Mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaa





Ummatni Itoophiyaawaraana Xaaliyaanii meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee daangaafi galaana ce’ee dhufe tokkummaan itti duulee kan injifate Guraandhala 23 bara 1888 ture. Guyyaan injifannoo mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaafi saba gurraachaa ta’e kun waggaa waggaan kan kabajamu yoo ta’u, barana yeroo 124faf sadarkaa biyyaatti iftaan kabajama. 





Obbo Alamaayyoo Haaylee, Giddugala Aadaa Oromootti,  Qorataa Seenaafi Dursaa Garee Seenaati. Hayyuun seenaa kun injifannoo Adwaa kana kabajamu ilaachisuun yaada Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, injifannoon Adwaa injifannoo ummata gurraachaa maraati. Injifannoon kun humna koloneeffattoota Awurooppaa kan cabseefi ummata gurraachaan injifatamuu akka danda’an kan itti agarsiiseedha; mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaatis.





Ummatni Itoophiyaa bara mootii Minilik yeroo loltootni Xaaliyaanii biyyattii weeraruuf dhufan tokkummaadhaan akka jigii (dabootti) lafoofi fardaan itti duulee injifannoo saba gurraacha hunda boonsu galmeessisuusaa kan ibsan hayyuun kun, ummatni Oromoos qabsicha keessatti bal’inaan waan hirmaateefi akka Baha Afrikaattis ummata guddaa waan ta’eef injifannoo Oromootis jechuun ni danda’ama jedhu.





 Abbootiin Malkaa Oromoo akka jigiitti lafoofi fardaan waraana Adwaa irratti hirmaachuu isaanii himanii, Raas Mokonnin Waldamikaa’el (Guddisaa Dhaabaa Nagawoo), Qusee Dinagdee/ Fitawuraarii Habtagoorgis/, Gabramaariyaam Gaarii, Baalchaa Saafoo namoota adda durummaan waraanicha irratti hirmaachaa turaniidha. Kanaaf Oromoon injifannoo Adwaa akka injifannoo isaattis ilaalaa jedhu.





Oromoon hammeenya mootiin Minilik irratti raawwachaa ture ilaalee waraana Adwaa irratti hirmaachuu irraa waan duubatti deebi’e hinqabu kan jedhan Obbo Alamaayyoon, waraana Adwaa irratti farda isaa waliin hirmaachuun wareegamaa ture. Injifannoon Adwaa ija siyaasaa beekumsa irratti hundaa’een yoo ilaalamu injifannoon ummata biyyattii maraati. Injifannoo Adwaa hiyyummaas ta’e rakkoolee nu mudatan kamiyyuu tokkummaan yoo irratti duulle injifachuu kan dandeenyu ta’uu nu barsiisa jedhu.





“Diina biyya keenya weeraruuf dhufe tokkummaadhaan itti duullee injifachuu akka dandeenyu waraana Adwaa irraatti mirkaneessineerra. Qaamoleen ummata biyyattii bakka adda addaatti qooduun faayidaa siyaasaa argachuuf socho’aa jiran kana irraa barumsa argachuu qabu. Ummatni biyyattii tokkummaan diina isaa irratti duulee injifannoo boonsaa galmeessisu akka danda’us hubachuu qabu.” jedhu.





Yunvarsiitii Jimmaatti Barsiisaa Seenaa kan ta’an Doktar Dheeressaa Dheebuu gamasaaniin akka jedhanitti, waraana Adwaa irratti loltoonni Itoophiyaa kuma 100 ta’antu irratti hirmaataniiru. Isaan keessaa irra jireessi loltoota Oromooti. Hararge, Shawaa, Shawaa Lixaafi Walloo irraa loltoonni Oromoo hedduun lafoofi fardaan waraana Adwaa irratti hirmaataniiru.





Oromoon fardeen isaa waliin waraana Adwaa irratti qooda guddaa fudhateera kan jedhan Doktar Dheeressaan, Harargee irraa loltootni Raas Mokonnin Waldamikaa’el Guddisaa jalatti, Wallagga irraa Fitawuraarii Takilee jalatti gurmaa’anii waraana Adwaa irratti hirmaatan kumaatamaan lakkaa’amu. Abbaan Jifaariifi Dajaazmaach Kumsaa Morodaa Wallaggaa irraa loltoota fardaan lolan hedduu gara Adwaatti kan ergan ta’uu himaniiru.





Loltoonni Oromoo waraana Adwaa irratti hirmaatan tilmaamaan % 50 ol waraana Adwaa irratti hirmaateera  jechuun eeranii, Fitawuraarii Gabayyoo Gurmuu hogganaan waraanaa Ambaalaagee irratti loltoota Xaaliyaanii hedduu haala ajaa’ibsiisaa ta’een nama injifateedha. Fitawuraarii Gabayyoon lubbuun dabarraan bakka isaa bu’ee waraanicha finiinsaa kan ture Dajaash Baalchaa Saafoo (Baalchaa Abbaa Nabsooti) jedhu.





Hoggantootni waraanaa kanneen akka Gabayyoo Gemoo, Takkaa Baalchaa, Maqaleetti loltoota Xaaliyaanii itti marsanii baay’ee rakkisaa turuusaanii himanii,  isa booda waliigaltee uumuudhaan Itoophiyaa gadlakkisanii Ertiraatti akka deebi’an taasifame. Yeroo waraanni Xaaliyaanii Adigraatiifi Adwaa irraa of qindeessanii deebi’anis itti marsanii rukutuun Adwaa irratti injifannoo boonsaa galmeessisaniiru. Loltoota Itoophiyaa yerosii keessaa irra caalaan loltoota Oromoo turan jedhu.





Injifannoon Adwaa mallattoo tokkummaa ummata Itoophiyaati jechuun ni danda’ama kan jedhan Doktar Dheeressaan, ummatni Itoophiyaa waraana Adwaa irratti hinhirmaanne hinjiru jechuun ni danda’ama. Ummatni gaafa diinni galaanaafi daangaa  ce’ee dhufu tokkummaan irratti duulee ijifachuun beekama jedhu.





Walitti bu’iinsi eenyuun iyyuu hinfayyadu. Isa nan  injifadha jedhee yaadus ta’e isa injifatamus baay’ee miidha waan ta’eef ummatni biyyattii waldhaggeeffatee, rakkoo isaa furachuu qaba malee waan gaarii ta’e ofiif  waan gadhee ta’e ammoo garee biraadhaaf kennuun sirrii waan hintaaneef tokkummaa keenya jabeeffachuun barbaachisaa ta’uu himu. Oduu sobaa miidiyaalee hawaasummaa irratti oofamaa jiru walballeessii waan fiduuf kan irraa of qusachuu qabu jedhu.





Maddi: Gaazexaa Bariisaa

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...