Friday, November 27, 2020

Naannoon Oromiyaa fi Naannoon Somaalee Afaan walii barsiisuuf mariyatan

Naannoon Oromiyaa fi Naannoon Somaalee Afaan walii barsiisuuf mariyatan






Biiroon Barnootaa Naannoo Oromiyaa fi Somaalee akkaataa Afaan Oromoo fi Afaan Somaalee naannoolee lamaan keessatti barsiisuun danda'amurratti mari'achaa jiru. Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo ummanni Oromoo fi ummanni Somaalee ummataa tokko ta’u ibsuun, tokkummaa ummata lameenii cimsuuf dhaloonni afaan Saba lameenii barachuun hegeree ummataa Oromoo fi Somaaleetiif Murteessaa ta’u ibsan.





Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannoo Somaalee obbo Mahammed Fattah Mahammed gama isaaniin tokkummaa ummata Oromoo fi Somaalee cimsuuf duudhaa Saboota lameenii walbarsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Hirmattoonni Marichaa yaada kennaniin Afaan Oromoo fi Afaan Somaalee naannoolee lameen aanoota filataman keessatti barsiisuuf yaanni Jalqabame walitti dhufeenya saba lameenii daran kan cimsu waan taheef cimee itti fufuu qaba jedhaniiru











Madda: FBC

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...