Monday, November 30, 2020

MM Abiy Ahimad ‘’mana hidhaa ammayyaa’’ keessan ture jedhan

MM Abiy Ahimad ‘’mana hidhaa ammayyaa’’ keessan ture jedhan






Guyyaa kaleessaa miseensonni mana maree bakka bu’oota Ummataa Naannoo Tigraayitti rakkoon kuni osoo hin dhalatiin dura maaliif tarkaanfiin fudhatamuu dhabe jedhanii gaafataniiru.






Kana kan deebisan MM Abiy wayita aangootti dhufan nageenyi dhuunfaa fi kan maatii isaaniillee haala rakkisaa keessa akka ture himan.
Haala yeroo sana keessa turanis "Ministira Mummee mana hidhaa ammayyaa keessa jiru," jechuun of ibsan.
MM Abiy yeroo aangootti dhufan gulantaaleen Raayyaa Ittisaa olaanoon harka caalmaan dhalattoota Tigraayin to'atamee akka ture ibsaniiru. Kanaaf, rifoormii taasisuun dirqama ta'u ibsan.






Lolli Tigraay keessaa kan lola meeshaa waraanaa qofa osoo hin taanee "gama miidiyaa fi diplomaasiitinis'' waraanni nutti baname jedhan.





Source: BBC News Afaan Oromoo

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...