Monday, November 30, 2020

Barnoota Oromiyaa Fooyyeessuf Tarkaanfiiwwan Addaa Torba Fudhataman

Barnoota Oromiyaa Fooyyeessuf Tarkaanfiiwwan Addaa Torba Fudhataman






…..
Oromiyaan bara kana barattoota miiliyoona 11.2 oli manneen barnootaati ergitee barsiifti. Qulqullinaa fi qaqqabamummaa barnoota naannoo keenyaa fooyyessuuf tarkaanfiiwwan addaa gurguddaan torba fudhannerra!





  1. Barnoota Gadaa
    Bara kana barnootni sirna gadaa akka gosa barnoota tokkootti barattoota kutaa 1-8ffaatiif ni kennama. Kana milkeessuufis kitaabotni baratoottaa fi qajeelcha barsiisaa maxxanfamanii rabsamaa jiru.
  2. Barnoota Afaanota Addaa Addaa
    Tokummaa sab-daneessummaa biyyaa akkasumas oboulummaa ummatoota biyya keenyaa dagaasuu fi bara kana godinaalee daangaa Somaalee fi Affaar jiratti barnootni Afaan Soomaalee fi Afaan Affaar ni kennama. Addemsa keessas afaanotni biroo kan dabalaman ta’a. Barnootni Afaan Oromoo naannoolee biyyatti hunda keessatti akka baratamus BBO deggersa addaa taasisaa jira.
  3. Daree Dabalata Ijaaruu
    Manneen barnootaa naannoo keenya keessa jiran istaandaardii isaanii fooyyeesuuf daree dabalata 30,000 manneen barnoota sad.1ffaa keessatti ijaaruuf karoorfamee dareen dabalata 34,247 hirmaannaa ummataatiin ijaaruun dandaa’amee jira. Kunis hira daree barataa 1:60 kan ture gara 1:40tti akka fooya’uu taasisuudhaan barnoota qulqullina qabu kennuuf haala mijaa’aa uumee jira.
  4. Aadaa Dubbisuu Fooyeessuu
    Aadaa duubisaa barattootaa foyyeessuuf manneen barnoota sad. 1ffaa hunda keessatti gaaddisa dubbisa lama lama (two Reading Corner for each school) akka qophaa’u ta’ee jira. Manneen barnoota 8,250 keessatti mana dubbisa (library) tokko tokkoo banuuf karoorfamee manneen barnootaa 5,481 keessatti mana dubbisa banuun danda’ameera. Akkasumas mana dubbisa Uummata 560 banuuf karoorfame hanga ammatti manni dubbisa Uummataa 345 banameera. Manneen dubbisa kanaaf kitaabota 1,210,407 tola ooltota irraa walitti qabuun manneen kitaabotaa banamaniif rabsuun danda’ameera.
  5. Manneen Barnoota Addaa (Special schools)
    Barattootni kutaa 9 jalqabanii kan barumsa isaanitti baay’ee cima ta’ani barsiisoota ciccimmoo ta’aniin kan itti baratan mana barumsa addaa godinalee fi bulchiinsa magaalota tokko tokkoo banuuf karoorfame hojjatama tureera. Sochiin hanga ammatti godhameenis hojiin godinaleefi bulchiinsa magaalota 26 (godinalee 19fi magaalota 7 keessatti) keessatti hojiin qabatama barsiisota filachuufi mana barumsa addan baasani qopheessuun raawwatameera. Bara kana Manneen barnoota addaa 40 banuudhaan barattoota kutaa 9 ciccimoo ta’an bariisoota filatamaniin barsiisuun ni eegalama.
  6. Pirojektii Ifa Boruu
    Manneen barnoota sad.2ffaa qaqqabama gochuun hirmaanaan barattoota sad. 2ffaa ol kaasuuf kan gargaaru pirojektii ifa boruutiin manneen barnootaa sad. 2ffaa 100 ijaaruuf hojii qabatama keessa galameera. Akkasumas barattootni kenna addaa qabaniifi barumsa isaanittiin ciccimmoo ta’ani kan itti baratani manneen barnootaa bulti addaa 7 ijaarama jira. Manneen barnoota kun ji’oota 7 keessatti xumuramanii tajaajilaaf akka qophaa’an hordoffiin cimaan taasifamaa jira. Pirojektiin kun bajata mootummaa qarshii biliiyona 4.9n ijaaramaa jira.
  7. Barattootaaf Nyaata Dhiyeessuu (School Feeding)
    Bara Kana Godina Addaa Oromiyaa Naannoo Finfinnee gutuummaatti akkasumas aanaalee gammoojjii hanqina midhaan nyaataa qaban 20 keessatti barattoota sadarkaa 1ffaa barataniif dhiyyeessiin nyaataa (School feeding ni taasifama) .
    ….
    Obbo Addisuu Araggaa, Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidantiitti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...