Miseensoonni Juuntaa TPLF waamicha mootummaan dhiyeesseef fudhachuun harka akka kennatan Obboleettiin Obbo Geetachoo Raddaa gaafatan.
Miseensoonni Juuntaa TPLF waamicha mootummaan dhiyeesseef fudhachuun balaa ummata Tigraayi irra qaqqabuuf jiru irraa oolchu akka qaban miseensa hojii raawwachisaa juuntaa TPLF kan ta’an, Obbo Geetachoo Raddaa,Obboleettiin isaanii quxusuun Saajiin olaantuu Tigisti Raddaa ibsan.
Ani Obboleetti Obbo Geetachoo Raddaa ta’us ilaalchi siyaasa sanyiin hin daddarbus jedhan. Waggaa 22 Magaalaa Saqoxaa kan jiraatan saajiin olaantuu haala yeroo biyyaatti amma jiruun walqabatee rakkoon tokkoollee akka isan hin mudanne himan. Haleella Rayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatames balaleeffataniiru.
‘Rayyaan Ittisaa Biyya,saba hin qabu,gosa hin qabu,inni akka diigamu hin barbaadu,namni biyya eegu yoo du’u baay’een gadde kan jedhan, Saajiin olaantuun Tigisti Raddaa tarkaanfiin mootummaan seera kabaachisuuf fudhachaa jiru cimee itti fufu akka qabus himaniiru.
Hoggantoonni olaanoon TPLF fayyadamummaa dhunfaasaanii eegsisuuf jecha dargaggoota Tigraayi waraanaaf bobbasuun isaanii ummata Tigraayiif akka hin yaanne agarsisas jedhan. Gochaa Obbolaasaanitti kan miseensa Juuntaa fayyadamummaa dhunfaasaaniif ummata balaarra buusan ta’uu isaaniitti akka gaddanis himaniiru. Balleessa obbolaan isaanii hanga ammatti raawwateef seerri akka gaafatuuf amantii qaban ibsaniiru.Tajaajila Oduu Itiyoophiyaarra Odeeffanne.
Maddi Keenya: OBN
No comments:
Post a Comment