Gareen juuntaa TPLF duguggaa sanyii Maay-Kaadiraatti raawwate Maqaleetti irra deebii’uf qophii taasisa jira jedhan M/Jeneraal Mahammad Tasammaa.
Daarektarri Olaanaan Indooktiriineeshinii Raayyaa Ittisa Biyyaa M/Jeneeraal Muhammad Tasammaa, uummanni Tigraayi bakkeewwan Raayyaan Ittisa Biyyaan to’ataman hundatti deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban gochaan agarsiisurra darbe gareen juuntaa kun hangam isa miidhaa akka ture ibsaa jiru jedhan.
Gareen Juntaa TPLF kun Maayi-Kaadiraa irratti gocha duguggaa sanyii raawwate Maqalee irrattis irra deebi’uuf qophii taasisa akka jiru fi gocha kana raawwachuuf gareen nama ajjeesu hundaa’u M/Jeneeraal Muhammad Tasammaa dubbataniiru.
Gareen kun kana kan raawwatu Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaafi Ertiraa waliin ta’uun lammiilee nagaa dugugaa akka jiran fakkeessun hawaasa adduuyaa irraa deeggarsa argachuuf akka ta’e himaniru.
Miseensoota Raayyaa Ittisa Biyyaa uummata Itoophiyaa ganuun garee juuntaatti dabalamaniifi humni gareen kun qindeesse adda waraanaa hunda irratti mo’amuun gara magaalaa Maqaleetti baqataniirus jedhaniru.
Humnoota dirqiin garee kanaaf waraana jiran holoola sobaan osoo hin burjaaja’in buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannawaa isaaniitti argamu deemani harka akka kennan waamichi dhiyaateera.
M/ Jeneeraal Muhammad Tassamaa, hojii seera kabachiisu Raayyaan Ittisa Biyyaa hojjechaa jiruf deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa taasisaa jiru galateffataniiru.
#OBN
No comments:
Post a Comment