Miseensonni humna addaa fi milishaaTigiraay carraa kennameefitti fayyadamuun harka kennachaa jiru.
Humni addaa fi milishonni Tigiraayii sa'aatii 72 mootummaan kennefitti fayyadamuun bakka adda addaatti harka kennachaa jiru. Hedduun jaraa karaa Naannoo Affaar harka kennaa kan jiran yoo ta'u, humni Maay Tsabiritti citee hafes nagayaan harka kennachaa jira.
Waamicha godhameef dhaga'anii harka kenna kan jiran miseensonni humna addaa Tigiraayii fi milishonni naannichaa, uummata jaraaf yaadanii waan kana godhaniif mootummaan ni galateeffataan. Warri dhiibbaa juntaa TPLf jalatti kuftanii harka kennuu dadhabdan hunduu bakka jirtanitti hidhannoo keessan hiikkattanii, meeshaa juntichaa ta'uurra of qusattanii, hanga Humni Ittisa Biyyaa isinii ga'utti akka eeggattanu jabeessine akeekachiisna.
Sadaasa 15, 2013Gabaasa Faakticheekii yeroo labsii muddamaa irraa
No comments:
Post a Comment