Tuesday, November 24, 2020

Ibsa Haala Yeroorratti Preezdaant Shimallis Abdiisaa Laataan

Ibsa Haala Yeroorratti Preezdaant Shimallis Abdiisaa Laataan





Finfinnee, Sadaasa 15, 2013 (FBC)- preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa haala yeroorratti ibsa laataniiru.





Guutuun ibsichaa akka argaaman gaditti dhiyaatera





Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa gareen Juuntaa Saboota, Sablamoota fi Ummattota Itiyoophiyaarratti badii raawwataa kan ture ta’u dhugaa hundi beekudha jedhan.





Gareen Juuntaa kun biyya kanarratti badii dhaga’uufilee tole sarbamuu mirga nama, gurmaa’un gocha sammichaa qabeenya biyyaa, buqqa’insaa lammiilee, Qaama nama hir’isuu, Ajjeechaa haala hamaa ta’een lammiileerratti raawwachuusaani lammiileen Itiyoophiyaa badii kana hunda ol beekuu jedha ibsichi





Gantummaa Biyyaa keenyarratti raawwatameen Raayyaan Ittisaa Biyyaa sochii olaantummaa seera kabaachisuurratti argamu milkiiwwan boqonnaa laman galmeessiseefi aarsaa kaffaleefii kaffalaa jiruuf Mootummaafi Ummanni Naannoo Oromiyaa galata guddaafi kabajaa qabun ibsa- Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.





Ummanni gantummaa Rayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwatamee isa mufachisuun fedhii isaan hiriira balaaleffannaafi hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasisuun,dhiiga arjoomun,sangootafi Re’oota kuma dhibbaan lakkawwaman dhiyyeessuun,akkasumas buusii maallaqaa taasisuunifi hanga arsaa lubbuutti Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruun deeggarsi agarsise cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.





Yeroo Raayyaan Ittisa Biyyaa Juuntaarratti tarkaanfii seera kabaachisuu fudhachaa jiruutti Oromiyaatti ergamtoota TPLFfi ABO shanee ummata keenya waraanan irratti humni Addaa Oromiyaa tarkaanfii keessa hin deebine fudhachuun milkii ifaa galmeessisa jira.





Haa ta’uuti Raayyaan Ittisa Biyyaa eergama seera kabachisuu milkiin xumuree,hojii idilee duraanitti hanga deebi’utti ummanni keenyaa hanga aarsaa lubbuutti Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa hiriiruuf deeggarsa jalqabee tumsuun,ABO shanee balleessun,Itiyoophiyaafi Oromiyaa ummanni obbolummaan,walqixxummaanfi nagaan itti jiraatan itti fufsisuuf akkasumas hojiin olaantummaa seera mirkaneessuuf jalqabne kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.





Injifannoon Rayyaa Ittisa Biyyaaf! Injifannoon Itiyoophiyaanootaf!





Pireezidaanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa.





Maddi: FBC





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...