Saturday, November 21, 2020

Ibsa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshiini Naannoo Oromiyaa irraa argame akka kanaa gadiitti dhihaata.

Ibsa Biiroo Dhimmoota Koominikeeshiini Naannoo Oromiyaa irraa argame akka kanaa gadiitti dhihaata.





Duulli Kaaba Itoophiyaa Dirqamnee Itti Galle Galma Ol'aantummaa Seeraafi Birmadummaa Biyyaa Kabachiisuu Milkeessuufiidha.





Ummanni Oromoo ijaarsa federeeshinii Itoophiyaa duraafi booda dantaa ijaarsaafi Birmadummaa biyyattii murteessuu keessatti gahee seenaa qabeessa bahachaa tureera; Ammas sadarkaa ol'aanaadhaan bahachaa jira.





Aggaammii Shira siyaasaa keessoofi alarraa taasifamu hunda qolachuun biyya tiksuu keessatti wareegama kaffalamaa ture hunda qooddachuurraa of hin qusanne. Ummattoota biyyattii hunda waliin ta'uun dhiigaafi lafee isaa gabbaree Itoophiyaa waliin ijaareera.





Ummattoonni Itoophiyaa heera tumatanii sirna federaalizimii erga ijaarratanii boodas, qabsoo federaalizimii dhugaa lafa qabsiisuuf taasifamaa jiru keessatti ijoolleen Oromoo kitimaa barbaachisu hunda kaffalaa jiru.





Kitimaan qabsoo waliin jireenya ummattootaafi ijaarsa biyyaatiif kaffalames firii gaarii argamsiiseera. Biyya diigumsaafi walitti buhiinsa addaan hin cinnerraa baraareera. Aggaammii humnoota keessaafi alaatiif osoo hin jilbeenfatin akka biyyaatti itti fufuuf carraa arganneerra.





Sirnootaafi dhaabbilee egeree miidhagaa uumuufis ta'e badhaadhina waaraa milkeessuuf tumsan ijaaruuf hojjetamaa jira.





Hojiiwwan ijaarsa sirnaafi demokraasii calqabaman abdii guddaa uumaa kan jiran ta'us, qornaatonni hin darbaminis ni jiru. Qormaatota jiran keessaa finxaalessummaan adda durummaan kan eeramuu dha.





Aggaammiin finxaaleyyii tokkummaa sab-daneessummaafi federaalizimii dhugaa Itoophiyaa cimtuu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta'eerratti fuulleffata.





Amma yeroo humna Juntaa faallaa heera mootummaa deemeefi diigumsa biyyaarratti aggaame dhabamsiisuun ol'aantummaa seeraa mirkaneessuuf hojjechaa jirru kanattis finxaaleyyiin keessaafi alaa wixxifachaa jiru.





Kaayyoofi galmi isaanii ammoo duula ol'aantummaa Seeraafi Birmadummaa Biyyaa kabachiisuuf eegalle akka carraatti fayyadamuun fedhii dhokataa ittiin machaa'an milkeeffachuu dha.





Ta'us kallattii hundaanuu hin milkaa'an. Itoophiyaa humni finxaaleyyii bixxilaniifi tolchan waan hin jirreef akka salphaatti diiguu hin danda'an. Dirree waliigalteefi waldanda'uu ummattootaatiin ijaaramte waan ta'eef fedhii sakaallaafi guluffii daangaa hin qabne irratti gochuuf gonkumaa hin carrooman.





Duula eegalle kana keessa dhokachuun fakkeessuufi akkeessuun fedhii waliin jireenyaafi waldanda'uu ummattootaarratti shirri hojjetamu kamuu ni saaxilama.





Hammata heeraafi seeraatiin Birmadummaa Biyyaa eeguun cimee itti fufa. Shirri finxaaleyyii kamuu qabsoo ummattootaatiin ni kufa.





Kun ammoo hawwiin osoo hin taane, hojii qabatamaan agarsiisaa kan jirru ta'uu dirmannaa deeggarsa raayyaa ittisa biyyaafi balaaleffannaa Juntaa TPLF Ummanni kallattii hundaan tibbana agarsiisetu ragaa qabatamaa dha.





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...