Gareen TPLF lammiilee nagaa Naannoo Tigraayirratti dhukaasaa banuun haleellaa raawwachaa jira jedhameera.
Haleellaa Raayyaa Ittisaa Biyyaan irratti ofirraa baraaruu kan dadhabee gareen TPLF taankoota ajaja Kaabaarraa hatee dhisee deemu eegaluusaa ibsameera.
Ajaja Kibbaatti, Qindeessaan Miidiyaa fi Misooma Qabeenya Namaa Koloneel Dajanee Tsaggaayee akka himanitti, gareen saamtuu TPLF raayyaa ittisaa dandamachuu dadhabeera.Kanaanis Taankootaa T-72 lamaa fi meeshaalee waraanaa Ajaja Kaabaarraa hatee dhisee dheessee jira jedhan Kooloneel Dajaneen.
Gareen kaayyoo badiif kan hiriire ulee raayyaa ittisaa biyyaarraa irra gahuu dandamachuu dadhabe kunlammiilee nagaarratti taankiin ukaasaa baneen haaleelaa jiras jedhaniru.Wayita ammaa naannoowwan raayyaan ittisaa to’ate hundarratti jiraattoonni miira gammachuun nu simachaa jiru jedhaniru.
Gareen TPLF dhumni isaa waanj gaheef bakka dhokatee baasuun seeratti dhiheessurratti argamna jechuun TOIitti himan Koloneel Dajaneen.
No comments:
Post a Comment