Monday, November 30, 2020

Ganna lamaafi walakkaa dabranitti 'TPLF Itoophiyaa keessa walitti bu'insi 113 akka uumamu taasiseera'-BBC

Ganna lamaafi walakkaa dabranitti 'TPLF Itoophiyaa keessa walitti bu'insi 113 akka uumamu taasiseera'





Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad, waggoota lamaafi walakkaa darbanitti TPLF walitti bu'insi amantaa fi sabummaa irratti xiyyeeffatan 113 akka uumaman gochaa ture jechuun himatan.





Kana malees Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay ABUT (TPLF) shororkeessummaan akka labsamu miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaa gaafatan.





Manni Marichaa walgahii addaa lammaffaa bara hojii 6ffaa Wiixata ganama taa'een, miseensotni paarlaamaa dhimmoota waqtaawaa ilaalchisee Ministira Mummee Abiy Ahimadif gaaffilee garagaraa dhiyeessan.





MM Abiy, jalqabbii fi imala waldhabdee mootummaa isaanii fi hooggansa TPLF gidduutti uumame, akkasumas dhimmoota kaanirratti bal'inaan ibsa kennan.





Ministirri Muummichaa guyyaa Sambataa waraanni mootummaa magaalaa Maqalee ''guutummaan guutuutti'' to'achuu beeksisan.





Lola Naannoo Tigraayitti adeemaa jiruun haga ammaa kanneen dhibbaan lakkaa'aman lubbuu yoo dhaban, kumaatamni ammoo qe'eesaanii dhiisanii baqataniiru.





Naannichatti maloonni qunnamtii adda citanii waan jiraniif, odeeffannoolee achii dhufan mirkaneeffachuun daran ulfaata.





Miseensonni Paarlaamaa maal gaafatan?





Miseensotni mana marichaa Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigraay - TPLF fi 'ABO Shanee' maalif shororkeessummaan hin labsaman jechuun gaafatan.





Tarkaanfiin garee ABUT irratti fudhatamaa jiru kan barfateefi biyyattii aarsaa kan kaffalchiise ta'uu kan himan miseensonni mana maree bakka bu'oota uummataa Itoophiyaa, wayita gareen ABUT qophii taasisu mootummaan maaliif odeeffannoo hin arganne, fi yoo odeeffannoo argatemmoo maaliif dursee akka hin fashaleessine gaafataniiru.





Tarkaanfii 'seera kabachiisuu' mootummaan naannoo Tigraay keessatti fudhatamaa jirun walqabatee, kallattii gara fulduraa fi dhiibbaa diinagdee fi dippilomaasii tarkaanfichaan walqabatanii jiran irratti Ministirri Mummee Abiy ibsa akka laatan miseensotni mana marichaa gaafataniiru.





Kana malees miseensi biraa miidiyaaleen "Tigraay TV, Dimtsi Wayyaanee, OMN fi kunneen biroo odeeffannoowwan dogongoraa kennu," jechuun, karoora mootummaan miidiyaalee giddugala tamsaasa isaanii biyyaalee biroo godhatan kunneen irratti tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuuf qabu gaafatan.





Deebii MM Abiy kennaniin maal jedhan?





Walgahii addaa Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa taasiseen, gaafiiwwan miseensota mana marichaarraa dhiyaatanif ibsa sa'aatii dheeraa fudhateen deebii kennan.





Ministirri Mummee Abiy Ahimad, gareen ABUT waggoota lamaafi walakkaa darbanitti walitti bu'iinsawwan amantaa fi sabummaa irratti xiyyeeffatan akka uumaman fi ummatoota gidduuttis walshakkiin akka uumamu gochaa turuu isaa himan.





Yeroo kana keessattis kutaalee biyyattii garaagaraatti walitti bu'iinsoota 113 akka uumaman taasifameera jedhan.





Walitti bu'iinsawwan kunneenis maallaqa, leenjii fi miidiyaan kan deeggaraman ta'uu kan himan MM Abiy, waggoota lamaaf walakkaa darbe keessatti naannoo Oromiyaa keessa walitti bu'iinsawwan 37, naannoo Amaaraa 23, Benishaangulitti 15, Finfinneetti 14 akkasumas naannolee biroo keessatti walitti bu'iinsawwan hedduu akka uummaman taasifamuu dubbatan.





Gara aangootti osoo hin dhufin dura namoota ABUTn hordoffiin irratti taasifamaa akka ture kan himan MM Abiy Ahimad, miseensootni ABUT nama barbaadan aangoorra kaa'uuf tumsaa akka turanis dubbatan.





Kana malees dura taa'aa Adda Waraaqsa Uummattoota Itoophiyaa ADWUI ta'anii filatamuuf guyyoonni muraasni yeroo hafanis ajajni hidhaa irratti bahee akka ture himan.





Himannaa kanneenif TPLF ammatti waa jechuu baatus, ibsa yeroo garagaraatti kenneen, himannaa kana irra deddeebiin haalaa ture.





''Ministira Mummee mana hidhaa ammayyaa keessa jiru''





Miseensota mana maree bakka bu'oota uummataan "ABUT irratti maalif dursee tarkaanfiin hin fudhatamne?" jechuun kan gaafatamaniif: gaaffiin kun garaagarummaa waa gochuu barbaaduu fi qabatamaan gochuu danda'uu gidduu jiru hubachuu dhabuurraa kan ka'e akka ta'e himan.





Tarkaanfii fudhachuuf dursa humna mootummaa fi qaamolee biroo baruu, akkasumas xiinxala haalaa gochuun akka barbaachisu kan himan Ministirri Mummee Abiy, wayita Ministira Mummee ta'anii filatamanitti nageenyi dhuunfaa fi kan maatii isaaniillee haala rakkisaa akka hin ture himan.





Haala yeroo sana keessa turanis "Ministira Mummee mana hidhaa ammayyaa keessa jiru," jechuun ibsan.





Angawoonni nageenyaa waqtii sana turan murteewwan isaanii mormaa fi adeemsa keessas garaagarummaan isaan gidduu jiru guddachaa akka dhufe kan himan MM Abiy, raayyaa ittisaa, poolisii federaalaafi dhaabbilee nageenyaa fi basaasaa irratti rifoormiin akka taasifamu taasisuu isaanii himan.





Gulantaalee Raayyaa Ittisaa olaanoon harka caalmaan dhalattoota Tigraayin to'atamee akka ture fi hirmaannaa sabaaf sabalammootni hooggansa Raayyaa Ittisaa keessatti qaban madaalawaa akka ta'uf hojjetamaa turuu himan.





Jijjiirama Raayyaa Ittisaa keessatti taasifameenis, humna addaa raayyaa ittisaa rakkoolee uummaman furuu danda'u leenjisuun qopheessuu fi humna qilleensaa biyyattii ammayyeessuu hojjetamuu isaa himan.





Hojiilee humna qilleensaa ammayyeessuuf taasifaman keessaa tokkos xayyaarota nama-maleessaa yookiin diroonii hidhachiisuu akka ta'e himan.





Tarkaanfii humna qilleensaa tibbana naannoo Tigraay keessatti fudhatamaa jiruunis, lammiilee nagaa irratti miidhaan akka hin qaqqabne of eeggannoon cimaa taasifamaa jiraachuu dubbatan.





Lola Tigraay





Adeemsa lola Tigraay duraa duubaan miseensota mana mareetti kan himan MM Abiy, lolli erga eegalamee booda; hojiin daangaa cufuu fi lolichi gara iddoowwan birootti akka hin babal'anne gochuu hojjetamuusaa himan.





Waraanichi lola meeshaa waraanaa qofa osoo hin taanee "gama miidiyaa fi diplomaasiitinis baname" jedhan.





Miidhaa lola naannoo Tigraay keessaan qaqqabuu danda'u hambisuuf tarkaanfiin raayyaa ittisaan fudhatamu yeroo akka fudhatu taasifamuusaa kan dubbatan MM Abiy, hojiin itti aanu uummatni naannoo Tigraay rakkoo keessaa bahee deebi'ee akka dhaabbatu taasisuu akka ta'e dubbatan.





Kana malees miseensoota raayyaa ittisaa harka loltoota ABUTf amanamoo ta'an keessa jiran gadhisiisuu fi yakkamtoota qabanii seeratti dhiyeessuu akka hojjetamus himan.





Dhimma namoota sababa lola kanaan buqqa'an ilaalchisee namoota buqqa'an "torbee tokkotti deebisnee dhaabna" kan jedhan MM Abiy, namootni gara Sudaanitti baqatan harki caalman dargaggoota ta'uu himan.





Ajjeechaa magaala Maayikaadraa kaasuunis namootni kun gochaalee akkanaa keessaa harka kan qaban yoo ta'e seeraan kan gaafataman ta'uu dubbatan.





Gama biraatin dhimmi loltoota gananii seera raayyaa ittisaan akka ilaallamu kan himan MM Abiy, namootni siyaasaa ijoon seeraan barbaadaman namoota 30 hanga 40 kan hin caalle akka ta'e himan.





Namoota kanaaf jechas lubbuun dargaggootaa darbuu akka hin qabne himan.





Qaamolee alaa mariidhaan hojjechuu barbaadanif karri banaa ta'uu kan himan MM Abiy kunneen mala biraatin biyyattii mo'achuu barbaadan garuu "taa'anii seenaa akka baratan isaan gorsa"jedhan.





Gama biraatin "dimokiraasiin Itoophiyaaf qoricha" kan jedhan MM Abiy, filannoon itti aanu amanamaa fi dimokiraatawaa akka ta'uf gareen hundi gaheesaa akka bahatu dhaaman.

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...