Sunday, November 29, 2020

Yoo booji’amnes juuntaa ABUTtiin osoo hin taane Ityoophiyaa fi Ityoophiyuummaanidha-L/J Baacaa Dabalee

Yoo booji’amnes juuntaa ABUTtiin osoo hin taane Ityoophiyaa fi Ityoophiyuummaanidha-L/J Baacaa Dabalee





Raayyaan ittisa biyyaa duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeessaa turee xumuruun hawaasa gara qe’eesaatti deebiisu eegaluu Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen beeksiisan.






Ajajan adda Raayyaa Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen duula olaantummaa seeraa kabachiisurratti ibsa laataniiru.
Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabalee ibsa isaaniitiin duula olaantummaa seeraa kabachiisuu boqonnaa 3ffaa xumuruun hawaasa rakkoo nageenyaatin qe’ee isaaniirraa buqqa’aan deebifamaa jiraachuu ibsaniiru.






Raayyaan ittisa biyyaa bakka rakkoon nageenyaa itti muul’atu tasgabeessuun hawaasni gara jireenyaa idileesaatti akka deebi’aniif tattaaffii taasisaa jira jedhaniiru.





Gareen juuntaa magaaloota garagaaraatti haleellaa qaqqabsiisu danda’uu ittisuuf raayyaan ittisaa of eeggannoo taasisaa jira jedhaniiru.






Kaleessa miseensoonni garee ABUT Leetanaal Jeneraal Baacaa Dabaleen boojineerra jechuun odeeffannoo tamsaasaa turuu isaanii kan ibsan L/J Baacaa Dabaleen gareen badii ABUT dandeetti booji’uu akka hin qabaannee ibsaniiru.






Yoo booji’amnees juuntaa ABUT tiin osoo hin taanee Ityoophiyaa fi Ityoophiyuummanidha jechuun ibsuun itti aanaa Etamaajoor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa Letenaal jeneraal Ababaawu Taaddasee waliin ta’uun ibsa akka laataniis eeraniiru.
Miseensoota garee juuntaa seeraatti dhiyeessuuf hojiiwwan hojjetama jiran cimanii akka itti fufaanis himaniiru.





#FBC

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...