TPLF Waamicha Mootummaan Itoophiyaa Dhiyeesseef Kufaa Taasiste
Dura taa'aa ABUT Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el waamicha MM Abiy Ahimad miseensonni garee ABUT yakkaan barbaadaman sa'aatii 72 keessatti harka isaanii akka laatan jechuun dhiyeessan kufaa taasisan.
Miidiyaa idil addunyaa 'AFP'f akka himanitti, "Inni (Dr Abiy) nu hin beeku jechuudha. Nuti namoota ejjennooti, falmachaa du'uu filanna." jedhan.
Raayyaan Ittisa Biyyaa gara Maqaleetti siquu kan mirkaneessan Dr Dabratsiyoon, iddoon waraanaa dhiphachaa dhufus harka kennachuun filannoo keessa galchuu akka hin barbaanne himaniiru.
Daangaan yeroo waamicha Dr Abiy Ahimad dhiyeessan dhumuuf sa'aatii 48 gadi hafa.
No comments:
Post a Comment