Saturday, November 21, 2020

Tigraayitti ''atattamaan dhukaasni yeroof akka dhaabatu'' Ejensiiwwan UN gaafatan

Tigraayitti ''atattamaan dhukaasni yeroof akka dhaabatu'' Ejensiiwwan UN gaafatan





Tigraayitti ''atattamaan dhukaasni yeroof akka dhaabatu'' Ejensiiwwan gargaarsaa Dhaabba Mootummoota Gamtoomanii waamicha dhiyeessan





Dhaabbatichatti ejensiwwan gargaarsaa lolli raayyaa ittisaa fi humnoota naannoo Tigiraayi giddutti torban lamaa oliif itti fufe yeroof dafee adda citu akka qabu waamicha dhiyeessan.





Ejensiiwwaan gargaarsaa kunneen iddoowwan lolaa dhaquun rakkisaa ta’uu kaasuun, karaan gargaarsi namoomaa qaqqabsisuun danda’amu banaa akka ta’an gaafataniiru.





Dhaabbanni Mootummota Gamtoomanii namoonni dhibbaan lakka’aman du’uun na yaaddeessaa jedhaa jira.





Amma yoonaatti sababa lola kanaan namoonni 30,000 caalan gara Sudaanitti baqataniiru.
Lolli kun yoo itti fufe ji'oota dhufan keessatti namootni Sudaanitti baqatan 200,000 ta'u akka danda'an tilmaamuun Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii qophiitti jira.





Maddi: BBC https://bbc.in/3nR4J6F

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...