Thursday, November 26, 2020

Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa hara'a ganama sakatta'iinsa gaggeesseen Meeshaan waraanaa seeraan alaatii fi Meeshaalee ittiin dhimma bahan adda addaa to'annoo seeraa jala oolchuusaa ibse

Qajeelchi Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa hara'a ganama sakatta'iinsa gaggeesseen Meeshaan waraanaa seeraan alaatii fi Meeshaalee ittiin dhimma bahan adda addaa to'annoo seeraa jala oolchee jira.






Bu'uruma kanaan, 1ffaa. Kilaashii 2, Rasaasa 74, kaartaa 3 waliin.
2ffaa. Shugguxii gosa adda addaa 5, Rasaasa 55 fi Kaartaa 3, waliin.
3ffaa. Rasaasa meeshaa bodatti hafaa.
4ffaa. Rasaasa Bireenii.
5ffaa. Chaapaa forjidii kan Mata dure 6 fi Geengoo 2.
6ffaa. Shiboo sarara ibsa maraa 1.
7ffaa. Meeshaa sagale waraabu 1,
8ffaa. Mi'a shiishaa ittiin xuuxan 2.
9ffaa. Sababa dhimmoota armaan oliitiin namoonni shakkaman 9 to'annoo seeraa jala olfamanii dhimmichi qulqula'aa jira jechuudhaan Hogganaan Qajeelcha Poolisii Bulchiinsa Magaalichaa Ins. Anteeneeh Geetaaneeh beeksisanii jiru.






https://www.facebook.com/oromiapolicecommission/posts/2815226038800701

Maddi: Oromia Police Commission

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...