BBCMonitoring
'BBC Monitoring' MM Abiy Ahimad duulli naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru "eenyuyyu haa da’u eenyu, kan dhaabbatu miti" jedhan jechuun odeeffannoon guyyaa har’aa Fuula Tiwiitarii isaarratti barreesse kan dhugaarraa fagaate ta’uu Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa Itoophiyaa ibseera.
Qulqulleessi Ragaa Labsii Yeroo Ariifachiisaa Itoophiyaa, Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dubbatan jechuun odeeffannoon sobaa 'BBC Monitoring' Fuula Tiwiitarii isaarratti dhimma naannoo Tigraay ilaalchisee barreesseen kan gaafatamu ta’aa jedheera.
'BBC Monitoring' odeeffannoo kana fuula Tiwiitarii isaarratti erga maxxanse sa'aatii afuriin booda haquu isaa ibsameera.
Maddi: Ethiopia State of Emergency Fact Check
No comments:
Post a Comment