Sunday, November 22, 2020

Obboleessa Rogeessa beekamaa Yaayyaa Bashiir ajjeefame

Obboleessa Rogeessa beekamaa Yaayyaa Bashiir ajjeefame!





Jiraataa magaalaa Jimmaa kan ta'e Barsiisaa Gaalib Abbaa Saambii humnoota yeroof adda hin baaneen guyyaa sadi dura Sadaasa 10/2013 halkan mana isaati baafame rasaasa afuriin rukutame Hospitaala Jimmaatti gargaarsa yaalaa argachaa akka ture maatiin OMN'f himanii turan.





Yaayyaa Bashiir toora 'Facebook' isaa irratti akka yaadasaa ibsetti gocha gara jabeenyaa akkasii sababa inni mootummaa biyya bulchaa jiru waliin hariiroo miichummaa hin qabneef maatii isaa irratti akka raawwatame ibsuun gocha kana balaaleffate ture.





Haata'u malee dhimma kana ilaalchisee gama mootummaatin qaamni bakka bu'ee waan ibse hin jiru. [Gara fuulduratti gama mootummaarraa waan ibsamu yoo jiraate isin biraan geenya].





Barsiisaa Gaalib Abbaa Saambii guyyoota sadiif Hospitaala Jimmaatti wal'aanamaa erga ture booda guyyaa har'a lubbuun isaa akka dabarte dhagahameera. Lubbuu bboleessa kanaaf jannata, maatii fi firoottan isaaf jajjabina hawwa.





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...