Friday, November 20, 2020

Jijjiirraan noottii haaraa Muddee 6 ni xumurama -NBE

Jijjiirraan noottii haaraa Muddee 6 ni xumurama jedhe Baankii Biyyooleessa.





Fulbaana 6, 2013 irraa eegalee noottiin Birrii Itoophiyaan kanaan dura ittiin fayyadama turtee abbaan Kudhanii,Shantamaa fi dhibbaa, jijjiramaa akka jiru ni beekama.





Jijjirraan nootti birrii moofaa gara haaraatti taasifama jiru kun hanga ammattis adeemsii karaa milka'a ta'ee raawwachaa jirachuu isaa baankichi beekisera.Yeroon jijjirra noottii haaraa kanaaf jalqaba ka'amee baatiin 3 gara xummuratti deemaa jira. Guyyoonni hafaanis 25 qofadha.Nootti birrii moofaa gara noottii birrii haaraatti jijjiiruuf guyyaan xumuraa Muddee 6, 2013 ta’u baankichi ibsameera.





Guyyoota hafan keessaatti birriin hin jijjiiramne akka jijjiirramuu fi adeemsicha ariifachiisuuf Sadaasa 22, 2013 hanga Muddee 6, 2013tti birrii moofaan bittaa fi gurgurtaa gaggeessuun akka hin danda’amnes baankichi beeksiseera.Guyyoota 15 kana keessaatti namoonni birrii moofaa ofarkaa qaban gara baankii deemuun noottii birrii haaraatti jijjiirachuu akka qabanis baankichi ibseera.





National Bank of Ethiopia Logo

Credit OBS

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...