“Humni Addaa Oromiyaa deeggarsa mootummaa Federaalaatiif Tigraayitti bobba’e hin jiru” - Komishinara Jeneraalaa Araarsaa Mardaasaa
Tarkaanfii mootummaan Federaalaa murna ABUT irratti fudhachaa jiru humna Raayyaa Ittisa Biyyaa ol waan hin taaneef deeggarsi humna Addaa Oromiyaatiin taasifame akka hin jirre Komishiniin Poolisii Oromiyaa beeksise.
Olola miidiyaaleen hawaasaa tokko tokko afarsaniin humni addaa Oromiyaa kumaatamaan lakkaa’amu tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa murna ABUT irratti fudhataa jiru wajjin hiriiraniiru jedhanii odeessanis kijaba jedhan.
Komishinara Komishinii Poolisii Oromiyaa Araarsaa Mardaasaa ibsa addatti gaazexaa Bariisaaf kaleessa kennaniin humni addaa Oromiyaa tarkaanfii mootummaan federaalaa murna ABUT irratti fudhachaa jirurratti bobba’eera jedhamu soba ta’uu dubbataniiru.
Tarkaanfii Raayyaa Ittisa Biyyaatiin fudhatamaa jiru kana cinatti humna Addaa Oromiyaaf waamichi yoo dhiyaate hirmaachuuf qophiifi gahumsi jira jechuunis eeran.
(Gaazexaa Bariisaa)
No comments:
Post a Comment