Monday, November 23, 2020

Girrisummaa balaa Siyaasa Oromoo - Mootii Orootiin

Girrisummaa balaa Siyaasa Oromoo - Mootii Orootiin





Akkan ani fedhe yoo hin taane ati gantuudha. Akkuma kanaan dura jedhe qabsoon ADWUI keessatti deemaa ture irratti fincilli uummataa dabalamee sirna Abbaa Irree Olaantummaa Juntaa TPLF dhabamsiisee, bakka isaa Sirna badhaadhinaa fi Walqixxummaa ijaaree jira.





Kufaatii Wayyaanee barii Sirna badhaadhina haarawa ijaaramaa jiruun cinatti kan dhalate, kutaan hawaasaa Abbaa Irree dhalatee jira. Dhugaa dubbachuuf hawaasni abbaa Irree, sirna mootummaa abbaa irree caala hamaadha. Hawaasaa abbaa irree keessatti nama hin beekamneen cunqurfamaa jiraachuurra, Mootummaan Abbaa Irree nagaya kee siif eegsisee, mirgoota qananii biroo akka Demokiraasii sirraa mulqee jiraachuu siif wayya.





Hawaasa abbaa irree keessatti maal balleessitee ykn maal raawwattee akka miidhaan sirra gahu hin beektu. Daboodha tarkaanfiin waan sirratti fudhatamuu /mob justice/ eenyu maaliif akka si miidhe hin beektu. Sirna Mootummaa Abbaa Irree keessatti garuu maal balleessitee akka tarkaanfiin sirratti fudhatamu, daangaa mirga kee seeraan waan beektuuf of eeggannoon, of qusattee jiraatta. Kanaafan Hawaasni abbaa irree sirna Mootummaa Abbaa Irree irra hamaadha jedhe.





Dubbiin maqaa balleessii Jajjaboo Oromoo sadan Gooticha atilet Fayisaa Leellisaa, Wallisaa Qeerransa Caalaa Bultumee, Wallistuu jabduu Saaliyaa Saamii irratti deemaa jirus kanuma. Hawaasni abbaa Irree maxxannee qabsoo Oromoo ta'e kun Siyaasa Oromoo garamitti akka akka oofaa jiru ana baay'ee na yaaddessa. Gareen sababa malee girrisu kun, akka inni yaadutti yoo hin yaadne, waan inni fedhu yoo hin feene, waan inni deeggaru deeggaranii waan inni mormu yoo hin mormine #Gantuu maqaa jedhu siif moggaasa. Maqaa siif mogga'u kana booda ajjeefamuun, busheeffamuun, fi waan adda addaa sirra gaha.





Akkuma Hacaaluu ajjeefamuu isaa duraa godhaa turan sana jechuudha. Garee kana bira mirga wanni jedhamu hin jiru. Gareen kun Siyaasaa Oromootiif naqarsaa guddaadha. Gareen kun Siyaasa Oromoo keessaa osoo hin dhabamiin dhimmi tokkummaa Oromoo fi democracy Oromiyaa fi biyya kanatti ijaaruu hin yaadamu. Gareen kun akkuma kanaan dura Hacaaluu nyaate, ammas Fayisaa Leellisaa, Caalaa Bultumee fi Saaliyaa Saamii hadheessaa jiru kana jabaa Oromoo mirga Waaqni wajjin uumetti akka hin fayyadamne osoo nyaatee hin fixiin Oromoon tuuta girrisaa kana ofirraa dhabamsiisee, madda girrisummaa ofirraa gogsuu qaba.











https://www.facebook.com/mootiioro/posts/1494935054036513

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...