Thursday, November 26, 2020

Ergaa Pir. BMN Oromiyaa Kab. Ob Shimallis Abdiisaa

Ergaa Pir. BMN Oromiyaa Kab. Ob Shimallis Abdiisaa






Boqonnaan keessa jirru kun hojiiwwan misoomaa, nageenyaafi ijaarsa sirnaarratti eegalle karaa ho'ina isaa eeggateefi itti fufiinsa qabuun itti fufsiisuu kan barbaaduu dha. Keessattuu, hojiiwwan misoomaa jiruufi jireenya ummata keenyaa jijjiiruufi galmoota badhaadhinaa qabanne yeroo edame keessatti milkeessuuf nuffiifi boqonnaa malee hojjechuu kan nu gaafatuu dha.






"Hawwiin osoo hin taane, hojjennee Qamadii bittaanis ta'e gargaarsaan alaa galchuu dhaabna; Eeggattummaa seenaa taasifna!" Jennee bara kana hojii addaa eegalleerra. Teeknoloojiiwwan ammayyaa jiranitti fayyadamnee faraqaan oomishuun oomishtummaa dabaluuf tattaaffii eegalleen cinaatti, jallisiirratti fuulleffannee oomisha gabaaf ta'u oomishaa jirra. Hojii bara darbe raawwanneen garbuu biiraa alaa galchaa turre oomisha biyya keessaatiin bakka buufneerra.
Bara kanammoo oomisha Qamadii alaa galchaa turre guutummaa guutuutti oomisha biyya keessaatiin bakka buusuuf hojii qabatamaatti galleerra. Daawwannaafi hordoffii hojii dirree hoggansi naannoo godinaalee muraasa keessatti taasiseen qophiin lafaa qonna jallisii si'oomina barbaachisuun hojjetamaa jira.






Dhiyeessiin teeknoloojiiwwan jallisiis humna jiru hundaan raawwatamaa jira. Kanaafuu, qonnaan bulaan, ogeeyyiin qonnaafi caasaan mootummaa sadarkaan jiru galma ijoo oomishaan of ga'uun badhaadhina maatii wabii midhaan nyaataa mirkaneessuufi irraa hafaa gabaaf dhiyeessuu milkeessuuf mimil'annaafi boqonnaa malee hojjechuu qabdu. Eeggattummaafi itti qabata kamiifuu iddoo osoo hin kennin hojii bara kanaaf qabanne raawwannee, dinagdee keenya utubuutu nurraa eegama. Carraa kanatti fayyadamee miidhaan ga’eefi ho’iruurratti argamu sirnaan walitti qabuun qisaasama malee akka galchitan yaadachiisuun fedha.
Hojii biroon ijaafi miira keenya guutuu irra dhaabuu qabnu ammoo ijaarsa pirojeektota misoomaati. Hojjennee seenaa geeddarra ejjennoo jedhuun bara darbe, "Waan hin xumurre hin calqabnu, waan calqabne ni xumurraa!" Jechuun hojiitti gallee waan jenne raawwannee argamneerra. Muuxannoos arganneerra.
Muuxannoo raawwii hojiiwwan pirojeektotaa bara darbee galaa godhannee, bara kanas hojiiwwan pirojeektotaa jiruufi jireenya ummata keenyaa bu'uurarraa jijjiiruu keessatti qooda ol'aanaa qaban karoorfanneerra. Pirojeektota kanneen keessaa ijaarsa dhaabbilee barnootaafi bu'uuraalee misooma Hawaasummaa kanneen akka daandii, bishaan, dhaabbilee fayyaafi kanneen biroo eeruun ni danda'ama. Kanaafuu, hanga pirojeektota calqabne kanneen xumurrutti of dagannaa kamirraayyuu bilisomnee hojjechuu qabna. Miiraafi qalbii guutuudgaan hojjennee xumuruun eebbisnee itti fayyadamuutu nurra jiraata.






Hojiiwwan dhaloota qaruufi gahoomsuurratti eegalle pirojeektii ijaarsa biyyaafi ummataa isa murteessaa dha. Dhaloota barateefi fayya-buleessatu biyya cimtuu ijaara; badhaadhina maatiifi ummataas mirkaneessa. Lafarratti bu'uura misoomaa ijaaraa jirruun cinaatti, sammuu dhala namaa soora beekumsaafi dandeettiin quubsuuf hojiin eegalle jajjabeessaa dha. Keessattuu, hojii tajaajila lammummaa hojjechuu eegalleen bu’aa dinagdeefi qor-qalbii guddaa arganneerra. Kanaafuu, hayyoonniifi qaamoleen hawaasaa waan qabdaniin hojii tajaajila lammummaafi ijaarsa dhalootaarratti eegalle tumsuuf qophooftan anaa dhufu isiniin Jenna.
Kanuma faana, duulli ol'aantummaa Seeraafi birmadummaa biyyaa mirkaneessuuf eegalle injifannoon xumuramuuf jala-bultiirra geenyeerra. Kanaafuu, deeggarsaafi miira guutuudhaan raayyaa ittisa Biyyaa waliin taanee, humna guutuudhaan hojiiwwan irratti bobbaane injifachuuf akka hojjennu dhaamuun fedha.






Xumurarrattis, hirmaannaafi qooda fudhannaa ho'aa calqabameen naannawaa keenyatti ol'aantummaa Seeraafi nageenya amansiisaa mirkaneessuuf cimnee hojjechuu akka qabnu dhaamaa, bariin injifannoo biyyaafi ummata keenyaa akka ariifatun hawwa.
Shimallis Abdiisaa
Pir. BMN Oromiyaa
Sadaasa 2013
Finfinnee





No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...