Wednesday, November 18, 2020

Dr Dabratsiyoon naannolee Raayyaa fi Shireen too'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala oolu mirkaneessan

Dr Dabratsiyoon naannolee Raayyaa fi Shireen too'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala oolu mirkaneessan





Pirezdaantii Naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el ibsa har'a kennaniin Raayyaa fi Shireen too'annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala oolu mirkaneessan.





Dr Dabratsiyoon ibsa kanaan "qabsoon godhamaa jiru itti fufa, waraana keessa jirra" jechuun ummatni naannichaa hundu waraana kana keessa akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru





Guyyaa lama dura haleellaa xiyyaaraa kan keessummeessite magaalaan Maqalee kaleessa fi har'a haala tasgabbaa'een akka oolte 'DW Amharic' gabaaseera. Baankii dhuunfaa fi kan mootummaa hundu banaa ta'aniiru.





Hanqina boba'aa waan uumameef sochiin konkolaattota hir'achaa akka jiru kan hime gaazexeessaan 'DW Amharic' tajaajila bilbilaa fi intarneetii ammas cufaa akka ta'an gabaaseera.





Maddi: Dw Amharic

No comments:

Post a Comment

Most Recent

Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced

  Admas Digital Lottery 19th round winning numbers are announced Accordingly the following are winning numbers for Admas Digital Lottery 19t...